Dhaabbileen mootummaa fedaraalaa hundi karaa elektirooniksii bittaa eegalan

Finfinnee: Sadarkaa fedaraalaatti dhaabbileen mootummaa hundi sirna elektirooniksii fayyadamuun bittaa meeshaalee eegaluu Abbaan Taayitaa Bittaafi Horataa Mootummaa beeksise.

Daarektarri olaanaan abbaa taayitichaa Obbo Hajii Ibsaa ibsa Roobii darbe Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, sadarkaa fedaraalaatti dhaabbileen mootummaa marti, Naannoo Sidaamaatti biiroleen sagaliifi Finfinneetti biiroleen 13s sirna elektirooniksiin bittaa gaggeessuu eegalaniiru.

Sochii elektirooniksiidhaan bittaa gaggeessuuf bara 2014 irraa eegalee hojii bu’aqabeessi hojjetamaa jira jedhanii; adeemsa calbaasii keessatti malaammaltummaa hambisuuf, yeroofi baasii qusachuuf, meeshaalee qulqullina qaban bituuf, adeemsa bittaa keessatti iftoomina fiduuf shoora olaanaa qaba jedhaniiru.

Erga elektirooniksiidhaan bittaa gaggeessuun jalqabamee, baasii biyyattiin baasuu maltu hammam baraaruun akka danda’ame ifoomsuuf Yunivarsiitiin Finfinnee qorannaa saayinsaawaa taasisaa jiraachuus ibsaniiru.

Bittaan karaa elektirooniksii Itoophiyaa keessatti yeroo dhiyoo jalqabame malee erga addunyaarratti jalqabee waggaa 70 oli kan jedhan Obbo Hajiin; yeroodhuma xiqqaa kanatti Itoophiyaa keessatti adeemsichaan dhaabbilee guguddoo idiladdunyaa caalbaasiirratti affeeruun meeshaaleen qulqullina qaban akka bitaman taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.

Yommuu caalbaasiin gaggeeffamuufi galmeessisaa raawwatamu adda ciccituun networkiifi humna ibsaa, akkasumas teknolojii adeemsa bittaa elektirooniksii keessa jiru waliin deemuu dadhabuun dhaabbilee daldala dhuunfaa hudhaalee abbaa taayitichaa mudachaa jiran ta’uu eeraniiru.

Rakkoo kana furuufis abbaan taayitichaa namoota kuma 70f leenjii kennuuf galmeessee hanga ammaatti namoota kuma 26 leenjiin teeknikii kennamuu himaniiru.

Bara dhufuu eegalee dhaabbileen sadarkaa federaalaarratti bittaa elektirooniksii jalqaban kunneen dameeleensaanii haaluma walfakkaatuun elektirooniksii fayyadamanii bittaa akka gaggeessaniif, naannolee Oromiyaafi Tigraay akkasumas Bulchiinsa Dirre Dhawaatti bittaa elektirooniksii jalqabsiisuuf, Fiinfinneefi Sidaamaattimmoo baay’ina biirolee elektirooniksiin bittaa raawwatanii dachaa gochuuf abbaan taayitichaa karoorfatee hojjechaa jiraachuu Obbo Hajiin ibsaniiru.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 10 / 2016

Recommended For You