Sossochii “Itoophiyaan haa omishtuutiin” baasii doolaara Ameerikaa biliyoona 1.9 baraaruun danda’ameera

Finfinnee: Sossochii “Itoophiyaan haa omishtuun” omishaalee alaa gala turan biyya keessatti omishuun baasii ba’uuf malu doolara Ameerikaa biliyoona 1.9 baraaruun akka danda’ame Ministirri Mummee Doktar Abiyyi Ahimad beeksisan.

Doktar Abiyyi sagantaa baniinsaa Eksipoo 2016 “Itoophiyaan haa omishtuu” Kamisa darbe Finfinnee Galma Barkumeetti taasisamerratti  akka jedhanitti, gatii omishaalee Itoophiyaan alaa galchitu kan alatti ergitu mallaqa doolara biliyoona guddaadhaan caala.

Omisha industiriitif galteen murteessaa ta’uu himanii; galteewwan industirii barbaachisan argachuuf Itoophiyaan misooma qonnaa finiinsaa akka jirtuufi  omisha qamadiirratti mikaa’ina biyyattiin argachaa jirtu akka fakkeenyatti kaasaniiru.

Omisha qamadii biyyattiin omishaa jirtu kana warshaaleen fudhatanii paastaafi mokoronii omishuu kan danda’an ta’uu ibsanii;  omishni bunaa biyyattiin omishte kan bara darbee yeroo walfakkaaataa yoommuu wal bira qabamu kuntaala miliyoona tokkoo oliin caalmaa qaba jedhaniiru.

Kanaan dura  baala Shayee lafa hektaara kuma sadi hin caallerratti omishaa turus barana  garuu lafa hektaara kuma 30 olirratti omishaa jirra jedhanii; bara darbe  ruuziin kuntaala miliyoona saddeet gad mishamus bara kana hanga ammaatti kuntaala miliyoona 38 omishuun danda’ameera.

Omishaaleen omishamaa jiran kunneen industriin humna qabaatee warshaa keessa yoogaluu baatan bu’aa hin qabu waan ta’eef industiriiwwan keenya humneessuun barbaachisaadha. Galteewwan qonnaa, anniisaa elektiriikii, humna namaa baay’inaafi qulqullinaan qabaachuun carraa guddaa ta’uu himaniiru.

Ministirri Ministeera Indastirii Obbo Malaakuu Allebal gamasaanitiin akka jedhanitti, sossochii kanaan Itoophiyaan omisha kanaan dura omishtee hin beekne omishaa jirti, Industiriiwwan kanaan dura cufaman hundi banamanii omishuu jalqabaniiru.

Sossoochii kanaan  omishaaleen 96 kan kanaan dura biyya alaatii galaa turan biyya keessatti omishuun bakka buusuun danda’ameera jedhanii; wantootni misooma industirii danqan hojimaata mana hojii mootummaa dabalatee hojii qindoominaan hojjetamaa jiraniin furmaata argachaa jiraachuu yaadachiisaniiru.

Yeroo ammaa aadaan omisha biyya keessaa bitanii fayyadamuu gadi aanaa ta’uu himanii; fuulduraatti hojiin hubannoo cimsuu akka hojjetamu hubachiisaniiru.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 3 Bara 2016

Recommended For You