Finfinnee: Misoomni koriidarii Finfinnee, miidhagina rogawwan maraa dabaluun magaalaa jiraattotaaf mijattuu uumuuf kan gargaaru ta’uu jiraattotni magaalattii ibsan.
Jiraattotni kunneen tibba darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka ibsanitti, Finfinneen bareedinaafi bu’uuraalee misoomaa maqaashee madaaluu qabachuun waan maluufiif misoomni koriidarichaa yommuu xumuramu jireenyaaf daran mijattuu ishee taasisa,
Waggoota 38f Kutaa Magaalaa Araadaa, naannawa Riqicha Raasmokonnin jiraachaa kan turan Pirofeesar Biruk Hayiluu akka jedhanitti, Finfinneen teessoo dhaabbilee idiladdunyaafi gamtaa Afrikaati. Niwuyorkitti aantee magaalaa dippiloomaasii addunyaa sadarkaa 3ffaarratti argamtuudha.
Waggoota achi jiraataan guutuu magaalattiin osoo hoomaa hinjijjiirramin turunshee gaarii akka hinturre himanii, akkuma magaalota biroo Finfinneef fooyya’iinsi kan maluuf ta’uu ibsaniiru.
Hojiin koriidarii hojjetamaa jiru hojii misooma qarqara lagaatiin walitti dabalamee magaalattiin magaalaa Afrikaa qofa osoo hintaane kan addunyaa akka taatuuf sadarkaashee daran kan olkaasuudha jedhanii, misoomni koridarichaa gama daldalaafi turizimiitiin filatamtuu ishee taasisa jedhaniiru.
Jiraattuu naannawa Bataskaana Kaatederaala Sillaasee kan ta’an Aadde Tsiggee Hayilees akka jedhanitti, magaalaan daandii hinqabne umrii dheeraa qabaachuurra guddachuu hindandeessu. Magaalattiitti namni bakka tokko gara bakka biraatti imaluuf dhiphina daandiirraa kan ka’e karaarratti yeroonsaa gubata. Kun ammoo jiraattotaaf ittiquufinsa hinkennu. Sochii daldalaas harkifataa taasisa. Namootni sababa misoomichaatiin yommuu kaafaman akka jireenyi hawwaasummaasaanii adda hincinneef iddoo duran jiraachaa turanitti dhiyaatutti akka galan osoo taasifamee gaariidha.
Jiraataan naannawa Arat Kiiloo Doktar Solomoon Alii gamasaaniin akka jedhanitti, misoomni koriidarichaa faayidaa daldalaafi turizimii bira darbee jiraattotni jireenya gammachuu qabu akka jiraatan kan taasisudha.
Sababa misoomichaatiin ollootasaanii waggoota 40 hanga 50 waliin jiraachaa turan kaafamuun bakka biraatti mana fooyya’a argatanii kan galan ta’uu himanii, gara fuulduraatittis hojiiileen misoomaa yoommuu hojjetaman ittifufiinsaan haala jiraattota giddugaleessa godhaturratti jiraattota waliin mar’achuun barbaachisaadha jedhaniiru.
Haaluma walfakkaatuun jiraataa naannawum Arat Kiiloo kan ta’an Obbo Masrashaa Taaddasaatis akka jedhanitti, magaalli yeroo hunda haala walfakkaataadhaan jiraachuurra haaromfamee deebi’ee misoomuu qaba. Dhalotni dhufus hojii misoomaa amma hojjetamaa jirurratti haala yeroo madaaluun yeroo yeroodhaan magaalasaa fooyyessaa adeemutu irraa eegama.
Jiraataan naannawaa gamoo Bulchiinsa Kutaa Magaalaa Araadaa Obbo Taklahaymaanot Abboosees misoomni koridarichaa magaalattii bareechuuf, bu’uuraalee misoomaa guutuufi daandii bal’isuuf kan kaayyeffateedha. Hojichi hojii gaarii guddina biyyaas ta’e kan magaalaa dabaluu danda’u waan ta’eef, muuxannoon kun magaalota hundatti babal’achuu qaba jedhan.
Taammiruu Raggaasaatiin
BARIISAA SANBATAA Ebla 26 Bara 2016