Ji’oota saglan darbanitti aannan liitirri biliyoona 7.2 omishame

Finfinnee: Inisheetivii Maaddii Guutuun ji’oota saglan darbanitti aannan liitirri biliyoona 7.2 omishamuu Ministeerri Qonnaa beeksise.

Ministeerichatti Gorsaan Ministira De’eetaa Damee Misooma Beeyiladaafi Qurxummii Doktar Yohaannis Girmaa ibsa dheengadda Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka jedhanitti, Itoophiyaan biyya potenshaala qabeenya beeyiladaa guddaa qabdu taatus qabeenya qabduuf xiyyeeffannoo gahaa kennuu dhabuusheetiin faayidaa argachuu qabdu argachaa hinturre.

Ammaan tana garuu jalqabuu inisheetivii damichaatiin walqabatee bu’aa abdachiisaa argamsiisaa jirti. Inisheetivichaan omishaafi omishtummaan beeyiladaa mala ammayyaatiin deeggaramuu himanii; galteen misooma beeyiladaafi bu’aalee beyiladaa finiinsuuf gargaaranis dhiyaachaa jiraachuu ibsaniiru.

Inisheetivichaan hojiin omishaalee akka foon diimaa, aannan, foon lukkuu, killee, qurxummiifi damma hojjetamaa jira jedhanii; omishtummaa omishaalee kunneenii dachaadhaan guddisuuf karooraan raawwatamaa jiraachuu ibsaniiru.

Akka ibsa Doktar Yohannisitti, jalqabamuu inisheetivicha dura foon lukkuufi killee omishuuf waggaa guutuu cuucii miliyoona 20 hincaalletu dhiyaachaa ture. Amma garuu dhiyeessii dachaan dabaluun ji’oota saglan darbanitti qofa cuuciiwwan guyyaa tokkoo miliyoonni 57 dhiyaataniiru. Omishaafi omishtummaa dammaa dabaluufis gaagurri ammayyaa miliyoona 1.1 ol raabsameera.

Rakkoolee omishtoota damichaa mudatan furuufis galtee isaanif barbaachisan gabaa alaatii akka galfataniif mootummaan doolara Ameerikaa miliyoona 37 isaaniif eyyamuusaa ibsaniiru.

Haaluma kanaan ji’oota saglan darbanitti foon diimaa toonii kuma 449 omishuuf karoorfamee toonii kuma 564, foon lukkuu toonii kuma 100 omishuuf karoorfamee toonii kuma 127, killee biliyoona 5.1 omishuuf karoorfamee biliyoona 4.6, aannan liitira biliyoona 7.4 omishuuf karoorfamee liitira biliyoona 7.2, damma toonii kuma 114 omishuuf karoorfamee toonii kuma 191, qurxummii toonii kuma 117 omishuuf karoorfamee toonii kuma 111 omishamuu himaniiru.

Naannoleen hundi hubannoo walfakkaataafi dadammaqiinsa walfakkaataan hojjechuu dhabuun, galteewwan alaa galan bitanii galchuuf hanqinni sharafa alaa jiraachuun, hojii dhabaa ariitii barbaadamuun omishawwan kunneeniirratti gurmeessuu dadhabuuun dhimmoota akka hanqinaatti adda ba’an ta’uu yaadachiisaniiru.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 26 Bara 2016

Recommended For You