Finfinnee: Itoophiyaan Hidha Laga Abbayyaa hunda fayyadu waan ijaarteef deeggarsa maluuf argachuu qabdi jechuun Yunivarsitii Haramayaatti hayyuun bulchiinsa lageen daangaa ce’anii Doktar Immiruu Gammachuu ibsan.
Doktar Immiruun ibsa deengadda Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, hidhi Laga Abbayyaa faayidaa biyyoota yaa’a laga Abbayyaa gara oliifi gara gadii waan eeguuf biyyootni miseensa yaa’a lagichaa Itoophiyaaf deeggarsa malu taasisuu qabu. Qabeenyi bishaanii laga Abbayyaa qabeenya waloo biyyoota yaa’a lagichaa hundaa (‘shared resource’) malee kan biyya tokkoo miti.
Lagni Abbayyaa biyyoota miseensa yaa’a lagichaa 11f qabeenya walooti. Ta’us dhibbantaan 86 Itoophiyaarraa ka’ee daangaa qaxxaamuruu faayidaa biyyoota kanneenii guutuuf shoora olaanaa taphachaa jira. Qabeenya waloo kana Misir mirga ittifayyadamuu Itoophiyaa dhorkachuuf biyyoota dhiyaa waliin ta’uun Itoophiyaan madda faayinaansii akka hinarganne gochuuf yaaltus Itoophiyaan ALA bara 1958-64 maastar pilaanii pirojektota hidha ijaaramanii qorachiistee pirojektota 33 adda ba’an keessaa kan Hidha Laga Abbayyaa isa tokko jedhan.
Bu’uuruma kanaan tasgabbii Itoophiyaatti uumame hordofuun ALA 2010 erga ijaarsi Hidha Laga Abbayyaa eegalamee waggoota 13 lakkoofsiseera. Wayita ammaas gargaarsa biyyoota miseensa yaa’aa laga Abbayyaa tokko malee ijaaruun danda’ameera.
Hidhi ijaarames eegumsaafi kunuunsa maluuf argachuu akka qabu himanii; keessumaa balaan gogiinsaafi lolaa akka hinhubamneef yaa’a hidhichaa hordofee kunuunsi biyyeefi bishaanii (ashaaraa magariisaa) baasii Itoophiyaatiin geggeeffamaa jiraachuus yaadachiisaniiru.
Aworooppaatti lagni Raayin Rippabilikii Cheekitti argamu osoo hinfaalamiin tajaajilaa kan jiru waan Jarman Cheekiif deeggarsa taasisteefi taasisaa jirtuuf ta’uus akka fakkeenyaatti kaasaniiru. Kan Itoophiyaas haaluma kanaan hojiirra ooluu qaba jedhaniiru.
Hidhi guddichi Aswaan Misiritti argamus waggaatti bishaan meetirkiyuubii biliyoona 10-14 hurkaan akka gadhiisuu himanii; hidhi Itoophiyaan ijaarte garuu metirikiyuubii lamatti kan dhiyaatu ta’uun bu’aaqabeessummaa hidhichaa agarsiisa jedhan.
Horsiisa qurxummii babal’isuun nyaata madaalawaa lammiilee hundaa qaqqabsiisuu sagantaa maaddii guutuuf tumsa guddaa akka ta’us eeranii, omisha qurxummiifi anniisaa elektirikii argamu biyyoota ollaaaf gatii madaalawaan dhiyeessuun sharafa alaa argamsiisuun walittidhufeenya biyyoota miseensota yaa’ichaa cimsuufis ta’e carraa hojii uumuuf ni oola jedhan.
Bu’aan hidhicharraa argamu biyyoota yaa’a lagichaas waan fayyaduuf bu’aa waloosaanii eeggachuuf eegumsaafi kunuunsa hidhichaaf taasifamu cimsuuf tumsa gamasaanii gochuu akka qabaman dhaamaniiru.
Gammachuu Kadiriin
BARIISAA SANBATAA Ebla 26 Bara 2016