Itoophiyaan argannoo qonnaan dursitus wabii nyaataan boodatti argamti

Finfinnee: Biyya argannoo qonnaan dursitu Itoophiyaatti wabiin nyaataa rakkoo ammaa ta’uun taatee qaanessaadha. Itoophiyaan biyyoota jaarrota hedduu dura qonna argatan keessaa ishee tokko taatus qonna ammayyaan lammiishee beela keessaa baasuu dhabuun dhimma hibboo ta’edha.

Gorsaan Ministira Qonnaa Geetachoo Dirribaa (PhD) kitaaba bu’aa ce’ii qonnaa biyyattii bara dhibbaa ibsu mataduree “Jijjiirama tirannaa qonnaafi daandii ce’umsa misooma baadiyyaa” jedhuun qabatanii as ba’anii jiru. Gaazeexaan Bariisaas qabiyyee kitaabichaafi muuxannoo qonna Itoophiyaa ilaalchisee tibba darbe Doktar Geetachoo waliin turtii taasiseera.

Itoophiyaan biyyoota jaarraawwan hedduu dura qonna argatan keessaa tokko yommuu taatu nama boonsa, hanga ammaatti gaaffiin daabboo deebii argachuu dhabuun nama qaanessa, kan jedhan barreessaan kun; sanyiiwwan midhaan garaagaraafi beeyiladootaa diqaalomsuun beekamtii gonfattus argannoorra kan darbe omishtummaa guddisuun dhukkubbii mataa ta’ee jira jedhaniiru.

Biyyootni argannoo qonnaa keessaa qooda hin qabne Itoophiyaa booda ka’anii wabii nyaataa erga seenaa taasisanii bubbuleera. Waggoota 25 oliif wayita biyyoota hambaa garaagaraa keessa turanitti biyyi qonni lafee dugdaashee ta’e Itoophiyaan damee qonnaan jijjiiramuu dhabuun gaaffii yeroo maraa sammuu Doktar Geetachoo keessa deddeebi’u ture. Maarree, kanuma bu’uura godhachuun hanqina ture akka barnootaatti cimina xiqqoo jirus akka riqichaatti fayyadamuun muuxannoo addunyaa itti dabaluun gorsa imala gara fuulduraa kitaabatti gudunfatanii as ba’aniiru.

Akka isaan jedhanitti, qancaruu guddina qonna Itoophiyaaf sababa hedduu kaasuun danda’amus rifoormiin seektara qonnaa hundeerraa ta’uu dhabuufi rakkoon hubannoo dhimmoota ijoodha. Xaafii, Garbuun Biilaafi loon Booranaafa argannoowwan Itoophiyaa qofa ta’anis hojmaatniifi imaammatni qonnaa dhaabbataan osoo hin taane bulchitoota dhufaa darbaaarratti rarra’uusaatiin omishtummaan argannowwan kunneenii dabaluun bu’aa barbaadamu fiduun hin danda’amne.

Lafti guddistuu callaa malee omisha kennuu hindanda’u. Malli qonnaa akkuma bara durii qotiyyoon ta’uusaatiin lafa qotamuu malu hunda qotuun hindanda’amne. Innumti qotiyyoon qotamu iyyuu dhiyeessii guddistuu callaa tarsiimaawaa hintaaneen omishtummaansaa gad bu’aadha. Qonni biyyattii roobarratti waan hirkatuuf yeroo baay’ee omishni omishamu hongeen hojii ala ta’a.

Gama biroon rakkoon ilaalchaan walqabatan jijjiiramaaf ifaajuu dhabuu, omisha xiqqoon gammachuu olaanaa gonfachuun, qonna kalaqaan yayyabuu dhabuufi qonnaaf of kennanii hojjechuu dhabuun ammas rakkoo hamaa ta’ee jiraachuu kan ibsan Doktar Geetaachoon; qonni utubaa dinagdee ta’uun garasitti rakkoo midhaan nyaataa seenaa taasisuuf jijjiirama bu’uuraaf of qopheessuun barbaachisaa ta’uu himaniiru.

Biyyi waggoota dheeraaf qamadii alaa galchaa turte jijjiirama waggoota ja’a hin caalle keessatti misooma jallisiin fedhii qamadiif jiru guuttachuu danda’uun jijjiirama amalaa bu’a qabeessaafi milkaa’ina caaluuf nama kakaasu ta’uu himanii; dhiyeessiin galtee qonnaafi malli qonnaa maal ta’uu akka qabu kitaabicha keessatti tarreeffamuu hubachiisaniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 26 Bara 2016

Recommended For You