Hojiin omishaafi omishtummaa warqee guddisuu qorannoon deeggaramee adeemsifamaa jira

Duraamee: Biiroon Qonnaa Naannoo Itoophiyaa Giddugaleessaa Yunivarsitiiwwan Walqixxee, Waraabeefi Waachaamoo naannicha keessa jiran waliin ta’uun omishaafi omishtummaa qaachoo guddisuufi babal’isuu, nyaata omishicharraa argamu qindeessuufi dhibee omishicha miidhu ittisuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jiraachuu beeksise.

Hogganaan biirichaa Obbo Usmaan Surur garee Gaazexeessitoota Dhaabbata Pireesii Itoophiyaatti akka himanitti, naannichatti omisha warqee (qaachoo) babal’isuuf barana biqiltuuwwan qaachoo miliyoona 84 raabsuuf karoorfatee miliyoona 87 raabseera. Bara dhufu ammoo biqiltuuwwan qaachoo miliyoona 1.5 qopheessee raabsuuf karoorfateera.

Warqeen waan hongee dandammatuuf omisha kana keessumaa naannawa gammoojjiitti babal’isuuf hojjechaa jiraachuus eeraniiru.

Omishicha qindeessuun daakuutti jijjiiree gabaa biyya keessaafi biyya alaaf dhiyeessuuf hojjechaa jiraachuus himanii, omisha qaachoorraa waanti gatamu tokko kan hinjirre ta’uufi qaachoon nyaata namaa, beelladootaafi gabbina biyyeef daran barbaachisaadha.

Nyaatni warqeerraa tolfamu hanga ji’a tokkoofi isaa olii turuu waan danda’uuf nyaatawwan akaakuu midhaanota gara garaarraa tolfamanirraa adda ta’uus himaniiru.

Omishaafi omishtummaa qaachoo guddisuufi babal’isuun wabii nyaata ummata naannichaa mirkaneessuurra darbee abdii wabii nyaata biyyattii mirkaneessu akka ta’uuf hojjechaa jiraachuus eeraniiru.

Yunivarsitii Walqixxeetti, Pirezidaantii Ittaanaan Qorannoo, Tajaajila Hawaasummaafi Ce’umsa Teknolojii Doktar Yohaannis Gabruu akka jedhanitti, yunivarsitichi omishaafi omishtummaa qaachoo guddisuuf qorannoo gara garaa adeemsisaa jira.

Omishaafi omishtummaa qaachoo guddisuufi babal’isuun wabii nyaataa mirkaneessuufi jijjiirama haala qilleensaa eegsisuu keessatti gahee olaanaa kan qabu ta’uu eeru.

Qorannoo qaachoorratti adeemsifameen kan nyaataaf ooluufi qorichummaaf oolu adda bahuu himanii, warqeen hundi maqaa tokkoon waamamus faayidaa kennaniin gargari. Akaakuun warqee qorichummaa qabus jira.

Warqeen nyaata qofaaf utuu hintaane meeshaaleen mana keessaa danuutu irraa hojjetama. Qorannoo dhiyeenya ifa ta’een hafteesaarraa waraqaan jabina qabu kan hojjetamu ta’uus eeraniiru.

Akka Doktar Yohaannis jedhanitti, qaachoon waan hongee dandamatuuf akaakuuwwan midhaanii biroorraa adda.

Balaa hongee yeroo gara garaa biyya keenyatti mudateen hawaasni naannawawwan qaachoon baay’inaan itti omishamu jiraatu daran hinmiidhamne.

Omishni isaas utuu bakkeewwan hundatti babal’atee wabii nyaataa mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa qaba. Yunivarsitichi bakkeewwan kanaan dura qaachoon itti hinbeekamnetti omishicha babal’isuuf hojjechaa jira.

Yeroo ammaa nyaatni warqee baadiyyaatti qofa utuu hintaane magaalotattis daran baratamaa dhufuu himanii, kanaafuu omishaafi omishtummaasaa qaachoo guddisuun hojii xiyyeeffannaa addaa kan barbaadu ta’uu eeraniiru.

Yunivarsitiin Walqixxee omishaafi omishtummaa qaachoo guddisuuf barana qorannoo ‘Call for Enset’ jedhamu qorattoota yunivarsitichaafi qorattoota akka biyyaatti qorannoo adeemsisan hirmaachisuun irratti hojjechaa jira kan jedhan Doktar Yohaannis, yunivarsitichi omishaafi omishtummaa qaachoo guddisuu, babal’isuufi sanyiisaa eeguurratti xiyyeeffatee hojjechaa jiraachuus himaniiru.

Qorannoo yunivarsitichi adeemsiseen qaachoon adda addaa 71 jiraachuufi tokkoon tokkoonsaanii faayidaa gara garaatiif kan oolan ta’uu himanii, yunivarsitichi omisha kanarratti qorannoo adeemsisuu erga jalqabee waggaa saddeet ta’uus eeraniiru.

Nyaata warqee qopheessuun hojiilee humna haadholiitiin raawwataman keessaa isa baay’ee dadhabsiisaa ta’uu himanii, dadhabbii kana salphisuuf dhaabbileen adda addaa maashiinota gara garaa hojjechuuf yaalii taasisaniiru. Yunivarsitiin Walqixxees maashiinota nyaata qaachoo qopheessuuf gargaaran lama kalaqeera.

Maashinota kanneen qonnaan bultoota hundaa biraan ga’uun rakkisaa waan ta’eef dubartoota gurmaa’aniif kennuuf hojjechaa jirraachuus himaniiru.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 26 Bara 2016

Recommended For You