Godaansi buddeena abjuu wareegama qaalii lammii kaffalchiisaa jiruudha

Finfinnee: Otoo biyyuma keessatti hojjetanii jijjiiramuun danda’amuu kanneen buddeena abjuuf gammoojjiitti dhumanii irbaata allaattii ta’an manni lakkaa’ee hinfixu. Utuma yaaddessaarra jiranii kanneen bidiruu/dooniin ittiin garagalee soorata qurxummii ta’anis hedduudha. Godaansi rakkoo addunyaa ta’us kan biyyoota guddinarra jiranii garuu daran hammaataadha.

Hammeenyummaa godaansaafi namoota godaansarraa deebi’anii ilaalchisee Gaazexaan Bariisaa tibba darbe Hoggantuu Olaantuu Tajaajila Godaansaafi Namoota Godaansarraa Deebi’anii Aadde Xayyibaa Hasan waliin turtii taasiseera.

Akka isaan jedhanitti, namootni biyya hambaatti godaanan mana, qotiyyoofi qabeenya asitti hojjetanii ittiin jijjiiramuu danda’uu gurguruun imalaafi darara ijibbaachisaaf of saaxilu. Imala seeraan alaa gammoojjiifi galaanarra taasifamuun kan qaamaa qalbii hir’atu danuudha. Kaan qabeenya manaa guduunfatee ba’e faddaalaatti fixuun osoo bakka yaade hinga’in mana hidhaatti of arguun maraata.

Faddaltoonni biyya hambaa jannata lafarraa fakkeessuun namoota biyyaa baasanis dararri battala manaa ba’anitti eegala jedhanii; abjuu guutaman bira ga’uufis ta’e erga bira ga’anii aarsaan kaffalamu tilmaamaa ol ta’uu hubachiisaniiru.

Namootni du’a baraaramuun biyya Arabaa ga’an hedduunsaanii tiksee gaalaafi re’ee ta’uuf dirqamu. Akkuma, “Du’aarra ekeraa wayya” jedhamu, warra galaanaafi gammoojjii keessatti dhumanirra warra tiksee ta’an wayya yoo jedhame malee tiksee ta’uun qonna biyya abbaa ofiirra akka hinfilatamne ibsaniiru.

Yeroo baay’ee maallaqa argachuuf jecha faddaaltonni badhaadhina malee qormaata biyya hambaa hindubbatan. Sababa kanaan namootni biyya keessatti osoon jijjiiramuu danda’anii godaansaaf qalbiinsaanii fannifama kan jedhan hoggantuun tun; keessattuu yeroo ammaa biyyootni Arabaa Itoophiyaanotni itti godaanuuf abbalan rakkoo nageenyaa hamaa keessa waan jiraniif wareegama qaalii kan kaffalchiisu ta’uu hubachiisaniiru.

Mootummaan Sawudi Arabiyaa Itoophiyaanota kanaan dura karaa seeraas ta’e seeraan ala gara biyyattiitti godaanan humnaan gara biyyaatti deebisaa jiraachuu himanii; taateen mudachaa jiru kun karoora mootummaatiin ala ta’us waan lammii biyyattii ta’aniif yeroo ammaa sochiin deebisanii dhaabuu bal’inaan taasifamaa jira jedhaniiru.

Haaluma kanaan koreen qooda fudhattoota hedduu of keessatti hammatu sadarkaa biyyaatti hundaa’uu ibsanii; godaantota kunneen deebisanii dhaabuuf federaalaa hanga naannootti hojiin qindoominaa koree kanaan hojjetamaa akka jirus himaniiru.

Gama biraatiin lammiileen karaa seera qabeessaan mirgisaanii eegameefii biyya hambaa dalagatanii akka deebi’an haalli mijaa’uu himanii; karaa seeraan deemuun mirga hojjetaafis ta’e galii biyyaatiif gumaata guddaa qabaachuu dubbataniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 26 Bara 2016

Recommended For You