Mooyyalee: Ummatni Booranaa horsiisee bulaa ta’uusaan hojii qonnaa akka falaasama jireenyaatti hangana hinhordofu. Sanyiin loon Booranaa biyyarra darbee hanga gaanfa Afrikaattuu beekamtii addaa qabu. Lafti Booranaa irra jireessaan gammoojjii ta’uu bira darbee waan lageen hinqabneef hanqinni roobaa uumamnaan rakkoon mudatu hamaadha.
Ongeen bara darbe mudate waggoota 50 keessatti isa hamaa ta’uusaatiin godinichatti godaannisa seenaan hindagatne buusee darbeera. Dacheefi samiin godinichaa ho’a hamaa gadilakkiseen loon miliyoonaan lakkaa’aman irbaata allaattii ta’aniiru.
Mootummaa naannichaa, ummanni Oromoofi kaan hanga danda’u Booranaaf birmataniiru. Rakkoon mudate humnaa ol ta’us beeyiladarraa kan hafe birmannaan lubbuu namaa baraaruu milkaa’eera.
Har’a garuu dacheen Booranaa magariisummaan godaannisa kaleessaa nama irraanfachiisu uffateera. Loon, gaalliifi re’ootni du’arraa baraaraman bifa hawwataa horatanii marga jilbaan rukataa keessa burraaqu.
Biiroon Jallisiifi Misooma Horsiisee Bulaa Oromiyaafi Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa pirojektii Finnaa godinichatti hojjetamaniifi hojjetamaa jiran ilaalchisee sagantaa daawwannaa hoggansaafi ogeessota miidiyaa Roobii darbe gaggeesseera.
Hogganaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Hayiluu Addunyaa saganticharratti akka jedhanitti, gaaga’ama ongee mudatu maqsuuf pirojektota Finnaa 73 qarshii biliyoona 25 oliin akka naannootti hojjetamaa jiran keessaa 36 naannawa gammoojjiiwwan Oromiyaatti. Mootummaan ongee hamaa Boorana mudatee ture maqsuuf gama tokkoon lubbuu namaa gama kaaniin du’aatii loonii baraaruuf hojii bal’aa hojjetaa ture.
Ongeen mudate kan sanyii loon Booranaa lafarraa daguugu ture ta’us tattaaffii cimaa taasifameen deeggarsa mootummaa naannichaa cinatti tumsa hawaasni biyyattii taasiseen hanga danda’ametti loon kunneen baraaruun danda’ameera. Ammas rakkinicha hundeerraa furuuf hojiin hidha bishaanii pirojektota Finnaa milkaa’inaan goolabamaa jira.
Pirojektota Finnaa akka naannootti hojjetaman keessaa 15 Godina Booranaatti argamu. Pirojektonni kunneen bishaan dhugaatiif qofa osoo hintaane aadaa jallisii kanaan dura godinichatti yaalamee hinbeekneef ka’umsa ta’eera kan jedhan ammoo Hogganaa Ittaanaa Biiroo Misooma Jallisiifi Horsiisee Bulaa Oromiyaa Injiinar Alamuu Raggaasaati.
Rakkooleen hundi qormaata qofa hintaatu; addunyaa haaraas akka abuuuran nama kakaasa kan jedhan ammoo Bulchaa Ittaanaa Godinichaa Obbo Bariisoo Gannooti.
Kanaan dura godinichatti beeyilada horsiisuu malee hojiin qonnaa hangana baratamaa akka hinturre ibsanii; sababa ongee hamaan kallattii mootummaan kaa’een pirojektii Finnaatti fayyadamuun yeroo jalqabaatiif Aanaa Mooyyaleetti qofa boqqolloo kuntaala 240fi qamadii bonaa kuntaala 45 omishuun danda’amuu dubbataniiru. Ammaan booda Booranatti horsiisni beeyiladaafi qonni michuu adda hinbaane ta’uus ibsaniiru.
Horsiisni loonii kallattii mootummaan kaa’een karaa ammayyaawaa qofa ta’a jedhanii; ammaan tana bishaan pirojektii Finnaatiin margi tooniin kuma 75 lafa hektaara 280 irraa haamamee tuulamuu ibsaniiru.
Ongeen bara darbee rifaatuu guddaa uumuu bira darbee shaakala haaraaf ummata kakaaseera. Muuxannoo mootummaa bu’ureeffachuunis hojiin bishaan kuusuu bakka hedduutti hojiirra oolaa jira.
Beelli bara darbee omisha kuduraafi muduraa kanaan dura hin baratamne as baasee jira. Badii darbe kulkulfachuu osoo hintaane badii walfakkaatu injifachuuf barsiifataan ala sochii bal’aan taasifamaa jira.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Ebla 19 Bara 2016