Soomi nageenya, tokkummaafi hawaasummaa cimsuuf gumaacha olaanaa qaba

Finfinnee: Duudhaaleen soomaa nageenya, tokkummaafi hawaasummaa cimsuu keessatti gumaacha akka qaban Manneen Marii Dhimmoota Islaamummaa Oromiyaa, Itoophiyaafi Finfinnee ibsan. Sagantaa ifxaara daandiirraa mataduree “Ifxaarri keenya tokkummaa keenyaaf” jedhuun Finfinneetti Roobii darbe gaggeeffameera.

Pirezidaantii Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Oromiyaa kan ta’an Sheeki Jamaal Muusaa Kamisa darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka ibsanitti, ji’i soomaa yeroo itti hordoftoonni amantichaa namoota waldhaban hiriyaafi ollaa osoo adda hinbaasin walitti araaramaniifi hamaa dalaguurraa fagaachuun yeroo qalbiisaanii ittiqulleeffataniidha.

Ji’a kana keessaa isa beela’e osoo amantaafi qomoon adda hinbaasin nyaachisuun sadaqaa duudhaa amantichaa raawwataniidha. Kun ammoo waljaalala jabeessuun jireenyi  hawaasummaa ummataa akka cimuuf shoora olaanaa qaba jedhaniiru.

Manni marichaas duudhaa amantichaa hordofee duudhaaleen waliin jireenyaa akka cimuuf hojjechuu himanii; torbee darbe lammiilee sababa walwaraansaatiin miidhamanii hospitaala ciisaa jiran namoota 27f qarshii kuma 100 akka ittiin yaalamaniif gumaacheera jedhan. Lammiileen sababa waraanaafi ongeen  miidhaman biyya keessaafi alaa gargaarsi akka taasifamuuf manni marichaa koree hundeessee fayyadamuun akka gargaartan jechuunis waamicha dhiyeessaniiru.

Pirezidaantiin Mana Marii Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa Sheek Ibraahiim Tufaa sagantaa ifxaaraarratti haasaa taasisaniin, hordoftoonni amantaa Islaamaa duudhaa soomaatiin wayita raawwatan nageenyaafi tokkummaan jabeessuuf gumaacha olaanaa qaba. Yeroo tokkummaadhaan ifxaara hirmaannu tokkummaan biyyaa akka cimu himanii; hordoftoonni amantichaa ji’a soomaa keessa lammiilee sababoota adda addaatiin qe’eesaaniirraa buqqa’an gargaaruun biyyaaf nageenya kadhachuun gaheesaanii ba’uu qabu jedhaniiru.

Pirezidaantiin Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Olaanaa Magaalaa Finfinnee Sheeki Sulxaan Amaanis qaamolee sagantaa ifxaaraa milkaa’aa akka ta’uuf tumsa taasisan hawaasa musliimaa, bulchiinsa magaalaa Finfinnee, Dhimmoota Nageenyaa Magaalaa Finfinnee  galateeffataniiru.

Qindeessaan sagantaa ifxaaraa Ustaaz Abubakir Ahmad ifxaarri daandiirraa calaqqee tokkummaati. Kan qabu isa hinqabneef qooduun waliin jireenya hawaasaa cimsa jedhaniiru. Ji’a soomaa keessa duudhaan walgalgaaruufi tokkummaa cimee kan ittimul’atu waan ta’eef tokkummaa biyyaa cimsuu keessatti shoora guddaa qaba  jedhaniiru. Lammiilee sababa waraanaatiin qe’eesaaniirraa buqqa’aniif Rabbi kadhachuufi gargaaruun cimee akka ittifufu gaafataniiru.

Lammiilee kutaalee magaalaa hundarraa walitti ba’an namoonni kuma 20 ol ta’an sagantaa ifxaaraa kanarratti hirmaachuun hubatameera.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 21 Bara 2016

Recommended For You