Finfinnee: Marii biyyaalessaa yaadame milkeessuuf tumsiifi hirmaannaan hundaa barbaachisaa ta’uun ibsame.
Madda waldhabbii gangalataa as gahe boora’uu nageenya biyyattiif sababa guddaa ta’uunsaa akkuma jirutti ta’ee Waraana Itiyoo-Eertiraa as qofatti walittibu’iinsi kuma 10 ta’an biyyattii keessatti mudachuu qorannoon adda baasuu Komishiniin Marii Biyyaalessaa ibseera.
Waldhabbiin yaada gara gochaatti ce’uun namni sibiila kaasee bosona galuu hanga lubbuu galaafachuutti erga ce’ee bubbuleera. Dhimma kana ilaalchisee tibba darbe Dhaabbatni Pireesii Itoophiyaa namoota garagaraa waliin turtii taasiseera.
Barreessituu Olaantuun Mana Maree Waloo Paartilee Siyaasaa Itoophiyaa Aadde Dastaa Xilaahun, hanqinoota jiran qabsoon furaa marii yaadame milkeessuun alatti furmaatni biroo akka hinjirre dubbatu. Manni marichaa filannoo komishinarootaa ilaalchisee komii qabaatus milkaa’ina marichaatiif sagaleen hundaa dhaga’amuun murteessaa ta’uu hubatee komishinichaaf tumsaafi deeggarsa barbaachisaa taasisaa jira.
Paartiileen siyaasaa tokko tokko hojmaataafi adeemsa komishinichaatiif kennametti mufachuun boodatti jechuu yaadachiisanii; manni marichaa dogoggora jiru sirreessuuf komishinichaan walitti dhiyeenyaan hojjechuun mufii jiru furuun akka danda’amu ibsuudhaan gara mana marichaatti deebisuusaanii himaniiru. Qaamolee qabsoo hidhannoof bosona seenaniif qaamni hawaasaa moggeeffame hundi sagaleensaa akka dhaga’amuuf qabsaa’aa jiraachuus dubbataniiru.
Filmaata ajandaa mariifi bakka bu’oota mariirratti manni marichaa tumsa taasisaa jiraachuu eeranii; mariin kun yeroo yaadame keessatti hojiirra ooluu baannaan rakkoon biyyattii yeroo gara yerootti dabalaa jiru kallattii hin yaadamnetti waan geessuuf milkaa’inasaa tumsuun dirqama hundaa ta’uu qaba jedhan.
Walittiqabaan Gumii Dhaabbilee Amantaa Naannoo Hararii Sheek Abdulsalaam Jibriil gamasaaniin akka jedhanitti, waldhabbii furuuf aadaan marii hawaasaa ture gabbisuun marii waliigalaaf qooda guddaa qabaata. Sagaleen nama yaadaafi ilaalcha addaa qabu hunduu biyyaaf akka ta’etti gara mariitti affeeramuu qaba.
Abbootiin amantaa nagaafi jaalalli ummata keessatti akka bu’uuf adda durummaan hirmaachuun dirqama amantaasaanii ba’uu akka qaban himanii; abbootiin amantaa hawaasa keessatti akka fakkeenyaatti waan ilaalamaniif jechaafi gochaan of eeggachuun barbaachisaa ta’uus dhaamaniiru.
Marichi hirmaannaafi hammattummaa mirkaneessuuf hojii bal’aan hojjetamaa jiran kan jedhan ammoo Komishinara Marii Biyyaalessaa Bileen Gabramadini. Akka isaan jedhanitti, qaamolee qabsoo hidhannoo keessa jiran hundaaf waamichi nagaa ni taasifama. Namni hundi hirmaachuu baatus yaadni namoota hundaaf mariif ni dhiyaata.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Bitootessa 21 Bara 2016