“Hojiin fuulduraa saffisa, baay’inaafi qulqullinaan hojjetamuu qaba” -Obbo Shimallis Abdiisaa

Adaamaa: Ittiquufiinsa ummataa mirkaneessuuf yeroo ittaanutti hojiin saffisa, baay’inaaf qulqullinaan hojjetamuu akka qabu Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa hubachiisan.

Obbo Shimallis kana kan hubachiisan kaleessa wayita konfiraansiin Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa mataduree “Waadaa gochaan badhaadhinaaf” jedhuun adeemsifametti.

Wayita paartichi hundeeffametti qormaata hamaa turerraa kan ka’e namootni baay’een abdii kutachuun boodatti deebi’uu yaadachiisanii; kutannoo hoggansa Ministira Muummee Abiyyi Ahmadiin (PhD) qormaata qolachuu qofa osoo hintaane injifannoowwan hedduu galmeessisuun danda’amuu dubbataniiru.

Konfiransichaan waadaa ummataaf galame haaressuun yeroo hafetti si’aayinaafi qulqullinaan hojjechuun dirqama hundaa ta’uu hubachiisaniiru.

Yeroo hafetti ciminaan hojjechuu baannaan qormaata hamaa ta’uu mala jedhanii; kun hubatamee namoonni hundi waantota faallaa paartichaa ta’an naannummaa, gandummaafi injifannoo xiqqoon machaa’uurraa of qusachuun kutannoo addaatiin hojjechuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Paartichi hundeeffamasaarraa kaasee qormaatawwan hedduun danqamus injifannoo cululuqaa keessa darbuu danda’eera kan jedhan ammoo Ittigaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Fiqaaduu Tasammaati.

Murna Finxaaleyyii biyya diiguuf harka walqabatanii ka’an adaba qabsiisuun tokkummaa biyyaa ittifufsiisuu himanii; daddaaqama dinagdee bayyanachiisuufis inisheetiiviiwwan garagaraa bocuun, keessumaa qamadii alaa galchuurraa gara alatti erguutti ce’amuu beeksisaniiru.

Pirojektota guguddoo rakkoo ummataa furuu cinatti guddina biyyaatiif shoora qaban baay’inaafi qulqullinaan hojjechuu eeranii; biyyoota ollaa waliin dippiloomaasii milkaa’aa ollummaafi obbolummaarratti hundaa’ee diriirsuus dubbataniiru.

Waajjirichatti Ittigaafatamaan Damee Siyaasaa Doktar Biqilaa Hurrisaa gamasaaniin akka jedhanitti, yeroo ammaa naannicha keessa invastimantiiwwan kuma 22 oliifi pirojektota kuma 15 ol qarshii biliyoona 701.3 galmeessisantu jira. Qonnaan bultoota kuma 10 ol gara invastimantiitti ceessisuunis danda’ameera. Namoota miliyona 2.1 oliif carraan hojii uumameera.

Qaala’iinsa jireenyaa tasgabbeessuufis alseerummaa gabaa to’achuu cinatti gabaawwan Sanbataa 284, giddugalawwan gabaa beeyladaa 12, giddugalawwan gabaa omisha qonnaa tokkoofi giddugalawwan kuduraa sadii hundeessuus ibsaniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 21 Bara 2016

Recommended For You