Finfinnee: Hojii qindoomaa amma jiruun Finfinneen magaalaa miidhagduu Itoophiyaa qofa osoo hintaane kan Afrikaa akka taatu shakkiin akka hinjirre Ministirri Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahmad hubachiisan.
Doktar Abiyyi tibbana raawwachiiftota hojii ulaa (kooridarii) misoomaa Finfinnee wayita waliin mari’atanitti, Finfinnee miidhagina rogawwan maraan magaalaa Afrikaaf fakkeenya taatu gochuuf hojjetamaa jira. Finfinneen ulaa misoomaa hundaan magaalaa jiraattotasheef mijooftuu nitaasifamti.
Keessumaa bu’uura magaalattii kan taate Piyaassaan (Birbirsi Gooroo) hojii haaromsaa taasifamuun miidhagina umuriifi seenaashee madaalu akka gonfattu nitaasifama jedhanii; haala amma jiruun garuu Piyaassaafi Araat Kiiloo caalaa sadarkaa biyyaatti bakkeewwan xuraa’oofi daran gadibu’oon akka hinjirre ibsaniiru.
Murtiin Finfinnee ammayyeessuu bara mootummaa ADWUI darbuufi pilaaniin qopheeffamuus yaadachiisanii; haala kana dura jiruun misoomaaf jecha kan diigamu namoota dhuunfaa qofa ta’us pilaanii ammaatiin garuu dhaabbileen mootummaa misoomaafi miidhagina magaalattiif gufuu ta’an kamuu ni diigamu jedhan.
Akka namootni tokko tokko jedhan Finfinnee misoomsuun Oromoota qubsiisuun qubsuma jijjiiruuf akka hintaane dubbatanii; magaalattiin Oromoo dabalatee magaalaa sabaafi sablammoota hunda of keessaa qabdu waan taateef sababa Oromoon qubsiifamuuf hin jiru jedhanii; magaalattiin kan eenyuu taanaan ololli Oromoo qubsiisuu akka kalaqame ifa akka hintaane ibsaniiru.
Seenaafi manneen seenaaqabeessa ta’an guddina magaalaatiif agarsiistuu ta’uun ala dhaloota barsiisuuf barbaachisaa ta’uu himanii; ta’us manneen seenaan walhinqabatne diiguu dura dhaabbachuurraa of qusachuun barbaachisaa ta’uu hubachiisaniiru. Itoophiyaan hambaalee seenaa kanneen akka siidaa Aksum, Laallibalaa, gamoo Harariifi Holqa Soofumarfaa qabdi jechuun ibsaniiru.
Hojii hojjetamu kana keessatti qabeenya abbootii qabeenyaa, mootummaafi harkaqal’eeyyiif of eeggannoo cimaan akka taasifamu eeranii, mufii hojii keessatti mudatuuf kaan dhiifama gaafachuu, kaan beenyaa kennuun kaan ammoo amansiisuun kan goolabamu ta’as jedhan. Abbootiin qabeenyaas lafa isaanirraa citu qofa osoo hintaane misooma waliin fayyadamummaa caalu borii hubachuun tumsa akka taasisan dhaamaniiru.
Misoomni amma eegalame miidhagina Finfinneef qofa osoo hintaane lammiilee mana bututaafi jireenya gadaanaa jiraatan gara mana ammayyaatti ceesiseera kan jedhan ammoo Kantiibaa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeeti. Ulaan misoomaa kun daandii kiiloomeetira 40.7fi lafa hektaara 66 misoomsuus of keessatti hammata jedhan.
Ummatni hojii misoomaa adeemsifamaa jirurratti mormii qabaachuu baatus giddugala magaalaarraa akka hinfagaanne, ollummaansaa akka hindiigamne, beenyaan dursee akka kennamuufi lafti lafasaatiin walgitu akka kennamuuf gaaffii kaase bu’uura godhachuun haala ijoolleensaa barumsasaanii ittifufuu danda’aniin manniifi lafti dhiyeenyarratti kennamuufii ibsaniiru.
Akka isaan jedhanitti, hanga ammaatti manneen dhuufaa, gandaafi kiraa federaalaa dabalatee manneen kuma 11 kaafamaniiru. Baay’eensaanii mana gandaa ta’anis namoota kaafaman keessaa 1,465 mana fedhan filatanii fudhataniiru.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Bitootessa 21 Bara 2016