Finfinnee: Ji’oota saddeettan darbanitti namoota miliyoona 1.79f carraan hojii dhaabbataan uumamuu Biiroon Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa ibse.
Daarektarri kominikeeshinii biirichaa Obbo Tasfaa Ajjamaa Wiixata darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka ibsanitti, biirichi hanga ammaatti namoota miliyoona 1.79 (%98) carraa hojii uumeera. Bara darbe namoota miliyoona 2.5 carraa hojii uumus barana guddisuun namoota miliyoona 3.1f carraa hojii uumuuf hojjetaa jira. Kunis mataduree “Leenjiin waraqaa ragaatiin oli” jedhuun hojjetamaa jira.
Akka ibsasaaniitti, biirichi tarsiimoo carraa hojii uumuu dandeettiin giddugaleeffate kallattiiwwan xiyyeeffannoo qopheessuun carraa hojii bal’aan hojjetameera. Lammiilee hojii dhabaniif carraa hojii uumuu, leenjii qulqullina qabu kennuu, kalaqaafi dandeettii horataman misoomsuun kallattiiwwan xiyyeffannoo sadan hojiirra oolaniidha.
Tarsiimichis osoo dandeettiin hinhoratamin carraa hojii argachuun akka hindanda’amne taasisuu keessatti shoora olaanaa qabaachuu eeranii; dhiyeessii mallaqaa, bakka omishaafi gurgurtaa, leenjii dandeettii kennamuun lammiileen hojii eeggachuurraa gara hojii ummachuutti ce’aniiru. Milkaa’innis argamaa jira jedhan.
Maanifaakchariingii, daldala, qonnaa, kenniinsa tajaajilaa, albuuda, horsiisa looniifi ijaarsa seektaroota carraan hojii itti uumame torba ta’uus himanii; isaan keessaa seektara qonnaatti carraa hojii bala’aan uumamuu ibsaniiru.
Milkaa’inni argames xiyyeeffannaa mootummaan seektara qonnaaf kennerratti kan hundaa’e ta’us lafa omishaaf kennameen carraa hojii bal’aan akka uumamuuf sababa ta’eera jedhan. Baadiyyaafi magaalaatti lammiileen lakkoofsaan hedduu ta’an hojii horsiisa looniifi lukkuu akkasumas bu’aasaaniin jijjiirama qabatamaa keessa galuu dubbataniiru.
Dhiyeessiin maallaqaa, qarshii duraan liqeeffatame deebi’uu dhabuufi diigamuun intarpiraayizoota ijaarsaa carraa hojii uumuuf gufuu ta’us maatiin bakka omishaa, gurgurtaa akka dhiyeessan taasisuufi qarshii liqeeffatame akka deebi’uuf hojiin dadammaqsuu bal’aan hojjetamaa jira jedhan.
Dhaabbilee mitmootummaa garagaraa waliin qindoominaan hojjechuu, inisheetiivota garagaraa baadiyyaafi magaalaatti bocuun kilaastara jalatti leenjii dandeettii argatanii akka ijaaraman taasisuun milkaa’ina argameef sababa ta’uu ibsaniiru.
Gumaachi tarsiimoo qophaa’ee, kallattiiwwan xiyyeeffannoo sadan, inisheetiivoota garagaraa baadiyyaafi magaalaatti bocaman, qindoominni dhaabbilee mitmootummaa garagaraa waliin biirichi taasise milkaa’ina hojii uumuu baranaaf shoora olaanaa taphachuu himaniiru.
Gammachuu Kadiriin
BARIISAA SANBATAA Bitootessa 21 Bara 2016