Hirmaannaa ummatni hidhichaaf taasisu cimee ittufufeera

Finfinnee: Hirmaannaan ummatni hidhichaaf taasisu cimee ittufufuu Waajjirri Qindeessaa Hirmaannaa Ummatataa Pirojektii Hidha Laga Abbayyaa beeksise.

Daarekterrri olaanaan waajjirichaa Doktar Aragaawwii Barihee Roobii Darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka ibsanitti,  tumsa mootummaafi hirmaannaan ummataan waggaa 13 haraa ijaarsa Hidha Laga Abbayyaaf taasisuu eegale  ittifufeera.

Tumsaafi hirmaannaa taasifameenis ijaarsi siivilii injiinariingii %98, haayidiroolikiifi kanneen biroo dhibbanataa 80n xumuramuu himanii; akka waliigalaatti wayita ilaalamu giddugaleessaan %95n xumurameera.

Milkaa’ina hanga amnaatti argameef  tumsi mootummaafi hirmaannaan ummataa shoora olaanaa qaba jedhaniiru.

Hidhichi bishaan metirkiyuubii biliyoona 74 akka qabatuuf karoorfamuu yaadachiisanii yeroo ammaa kana bishaan  meetirkiyuubii biliyoona 42 qabachuun danda’eera.

Bishaan qabatameen tarbaayinootni lama annisaa elektirkaa maddisiisaa jiranitti dabaluun yeroo dhiyoo keessatti tarbaayinootni shan annisaa elektirikaa maddisiisuu akka eegalan ibsaniiru.

Annisaan argameen fedhii biyyaa keessaaf ooluun biyyoota ollaa akka Keeniyaa, Jibuutiifi Sudaanitti gurguuuf sararri raabsa annisaa elektrikaa ijaaramaa jira jedhanii;  gugurtaa annisaa kunis hanga Taanzaaniyaafi Afirikaa Kibbaatti karoorfamuu himaniiru.

Milkaa’ina ijaarsa hidhichaaf hirmaannaa ummata biyyaa keessaafi alaa waggoota 13n darbanitti shoora olaanaa qabaachuu yaadachiisanii; hirmaannaa humnaa, boondii bitachuufi ergaa gabaabaa 8100irratti taasifame dabalatee waliigalaan qarshii biliyoona 1.9 ummatarraa sassaabuu dubbataniiru.

Hidhichaa dhiqama biyyeefi mancaatii biroorraa baraaruuf dhiqamee qarqara hidhichaarratti hojjetamaa jiraachuu kaasanii; ergaa gabaabaa 8100 irratti ergamuun ji’a ji’aan qarshii miliyoonni 10 ol galiin taasifamu itti fufee jira. Ogummaafi hojii og-aartii dabalatee tumsi ummatni taasise  milkaa’ina argameef bu’uura jedhaniiru.

Dhiibbaa Gibxiifi hawaasa idil addunyaaf maqsuun  qindaa’ina ummataan injifannoo dippilomaasii argamee kutannoon mootummaa mul’isa jedhanii; fayyadamummaa haqa qabeessa mootummaan Itoophiyaa dhiyeesse Gibxiif liqimfamuu baatus biyyoota yaa’a lagichaa biroo waliin hariiroo dippiloomaasii ittifufeera.

Hariiroo cimsuu Waajjirri Qindeessa Hiirmaannaa Ummtataa Piroojektii Hidha Abbayyaa hojii dippilomaasii hawaasaa biyyoota yaa’a Laga Abbayyaa geggeessaa jira jedhaniiru. Ummatni biyyaa keessaafi alaa,hayyootni qaamolee deggersa hidhichaaf taasisaa jiran hundi hanga hidhichi xumuramutti gumaacha isaanirraa eegamu hundaa akka ba’aniif waamicha dhiyeessaniiru.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 14 Bara 2016

Recommended For You