Finfinnee: Rakkoolee siyaasaa, hawaasummaafi dinagdee marii taasifamerratti hirmaattonni kaasaniif deebii Ministirri Muummee Doktar Abiyyi kennan kan abdii isaanitti hore ta’uu dhalattoonni Tigraay ibsan.
Dhalattoonni kunneen Kamisa darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka ibsanitti, kutaaleen hawaasaa naannoo Tigraayirraa tibba darbee marii Ministirra Muummee waliin taasisanirratti rakkoolee naannichaa keessatti mul’atu qixa sirriin ibsaniiru. Ministirri Muummee Doktar Abiyyis deeggarsa mootummaan federaalaa waliigaltee marii araaraa booda naannichaaf taasise tarreessaniiru. Rakkoolee jiran furuuf kutannoo Ministirri Muummee taasisan daran abdii isaanitti horeera.
Dura taa’aan paartii Tinsaayee 70 Andartaa jedhamuu Obbo Kabbadaa Asaffaa akka jedhanitti, diinummaan ture hafee badii mudate suphuuf Ministirra Muummee waliin marii taasisuun matumtisaa bu’aa araaraati. Bakka bu’ootni marichaa rakkoo naannicha jiru qixa sirriin kaasaniiru.
Ministirri Muummees ummatni qe’eesaarraa buqqa’e qe’eesaatti akka deebi’u murteessuun, beela naannichatti mudates “Ummatni Itoophiyaa nyaataa ummatni Tigiraay hinbeela’u” jechuun haalli isaan itti deebisan ummata rakkoo keessa jiruuf abdii guddaadha.
Deeggarsa mootummaan federaalaa taasiseefi rakkoon naannoo sana jiru yommuu walbira qabamu yoo bulchiisa Yeroo naannichaa ceephaasise malee kutannoon mootummaa federaalaa olaanaa ta’uu ibsanii; ammas taanaan deeggarsi mootummaan federaalaa taasisu kaayyoo yaadameef ooluusaa qaamni to’atu akka jiraatu gaafataniiru. TPLF maqaasaa qabatee akka turu gaaffii ummata Tigraay ta’uu baatus mootummaa kabajaafi jaalala ummata Tigiraayiif qabu mul’isuuf maqaa qofa osoo hintaane ofiin of bulchuu naannichaa TPLF dhuunfachiisuusaa dinqisiifataniiru.
Lafti Tigraay kallattii hundaan sarbame Tigraayiif deebi’uu akka qabu dhaamanii; mootummaan marii dhimma Tigiraayirratti taasisu hunda paartilee morkattootaa akka hirmaachisu gaafataniiru.
Waldaa Barreessittoota Tigiraayirraa maricharratti kan hirmaatan Obbo Alaazaar Haftaay gamasaaniin, ummatni rakkoo qabatamaan naannicha keessatti mul’atuufi yaaddoo jiru Ministira Muummeef kaasuu eeranii; mindaa hojjettootaafi namoota soorama ba’anii, lafa naannichaa humnaan qabamee jiru, beelaafi qe’ee ofiitti deebi’uu ilaalchisee bal’inaan kaasuufi Ministirri Muummee deebii quubsaafi abdachiisaa kennuu ibsaniiru.
Marichaan dura hojiilee misooma wayita waraanni Tigraayitti adeemsifame Finfinneetti hojjetaman ummatni naannichaa daawwachuu himanii; waraana taasifameen walqabatee wayita daa’imman Tigraay rakkoo hamaaf saaxilamaa jiranitti ummatni daa’imm paarkii tokkummaa keessaa burraaqan argee miirrisaa tuqamuus dubbataniiru.
Kantiibaan duraanii magaalaa Maqalee Obbo Atakiltii Hayilasillaasee akka jedhanitti, gabaasaan ala walitti dhiyeenyaan mari’achuun rakkoo hedduu fura. Ministirri Muummeen mariin booda gaaffii mindaa sooramtoota atattamaan furmaata akka argatu taasisaniiru. Naannicha deebisanii dhaabuuf koree hundeessaniiru. Rakkoo qofa osoo hin taane miira ummata naannichaas sirriitti hubataniiru.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Bitootessa 14 Bara 2016