Finfinnee: Rakkooleen turan rifoormiin furamanii dhaabbileen misoomaa mootummaa utubaa biyyaafi wabii ummataa ta’anii tajaajilaa jiraachuu Abbaan Taayitaa Dhaabbilee Misooma Mootummaa Magaalaa Finfinnee beeksise.
Gaggeessituu Olaantuun Hojii Abbaa Taayitichaa Aadde Habiibaa Siraaji Kamisa darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka ibsanitti, rakkoo hojmaataafi bulchiinsa gaarii dhaabbilee kunneen keessa turan furuuf mootummaan sirna bulchiinsaa korporeetii faayinaansiifi sirna korporeetii bulchiinsaa haaraa diriirsuun akka abbaa taayitaatiin hogganaman taasiseera. Dhaabbileen kunneen dhaabbilee guguddoo waan ta’aniif akka kana duraa tajaajilarratti qofa osoo hintaane galii maddisiisuufi hawaasa tumsuurratti fuulleffatu.
Akka isaan jedhanitti, dhaabbilee misoomaa mootummaa marsaa jalqabaatiin abbaa taayitichaa jalatti hammataman Korporeeshinii Konistiraakshinii, Korporeeshinii Daldalaa, Faarmaasii Kanamaa, Dhaabbata Qalma Horii Itoophiyaa, Korporeeshinii Paarkiiwwanii, Bulchiinsa Manneen Siniimaa, Bulchiinsa Manneen Tiyaatiraafi Giddugala Egizibiishinii yommuu ta’an, korporeeshiniin Baaburaa, Tajaajila Geejibaa Shaggariifi kanneen biroo marsaa lammaffaan abbaa taayitichaa jalatti hammataman ta’u.
Korporeeshiniin Daldalaafi Giddugallii Daldalaa Omishtootaafi Shamattoota kallattiin walqunnamsiisuun qaala’iinsa gatii tasgabbeessaa jiraachuu himanii; keessattuu korporeshiniin daldalaa omishaalee nyaataatiin ala meeshaalee bu’aa industiriiwwanii ta’an keessaafi alaa gatii madaalawaan akka ummataaf dhiyaatan taasisaa jiraachuu ibsaniiru.
Faarmaasiin Kanamaa fayyaa hawaasaa eeguu keessatti gahee bakka bu’iinsa hinqabne taphachaa jira jedhanii; qorichoota gatii qaaliidhaan dhaabbileen dhuunfaan dhiyeessan ummatni harkaqal’eessi bitee fayyadamuu hindanda’u. Mootummaan garuu fayyaa ummataatiif dursa kennee qorichoota qaalii ta’an karaa kanamaa gatii madaala’aan ummataaf dhiyeessaa jiraachuu eeraniiru.
Ammaan tana kenniinsa tajaajilasaa bal’isuun gama inshuraarsii fayyaatiin hawaasa bal’aaf dawaa dhiyeessaa jiraachuus eeranii; dhaabbata maqaa gaarii qabu kana bu’aaqabeessa taasisuuf tajaajilasaa ammayyeessuu qofa osoo hintaane dameesaas hanga manneen waliin jireenyaa hundaatti babal’isuuf karoorsuus dubbataniiru.
Manneen fiilmiifi tiyaatiraa kanaan dura aadaa guddisuu qofarratti xiyyeeffataa turan aadaa gaarii jiru addunyaatti beeksisuun madda galiitti jijjiiruuf hojjetamaa jira jedhanii; paarkii Inxooxxoo dabalatee paarkiiwwan 10 magaalattiin qabdu hawaasni gatii xiqqaan tajaajila itti quufiinsa qabu akka argatu taasisuun galii maddisiisuuf kan hojjetamu ta’uus ibsaniiru.
Tajaajila siniimaa, tiyaatiraafi bashannanaa paarkiiwwanii mootummaan gatii gadaanaan dhiyeessaa jiru kana ummatni akka fayyadamus waamicha dhiyeessaniiru.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Bitootessa 14 Bara 2016