Finfinnee: Tokkummaan Ortodoksii tokkummaa Itoophiyaaf murteessaa ta’uu Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad ibsan.
Doktar Abiyyi tibbana abbootiin amantaa mana amantaa kutaalee biyyaattii garaagaraarraa dhufan waliin marii taasisaniiru. Abbootiin amantaa kunneenis haala nageenya biyyattii, garaagarummaa yaadaafi rakkoolee mana amatichaa mudateefi mudachaa jiru ilaalchisanii gaaffiifi yaada bal’aa kaasaniiru.
Doktar Abiyyi gaaffilee kunneenirratti wayita ibsa kennan, manni amantaa gaaffii keessoo jiru qixa sirriin keessummeessuu dhabuusheen naannoo Tigraayiifi Amaaraatti mufannaa cimaan mudachuu yaadachiisanii; mootummaan dhimma kana kallattiin seenuu baatus dhimmi akka furamuufi tokkummaan Ortodoksii akka jabaatu fedhii guddaa qabaachuu qofa osoo hintaane deeggarsa barbaachisu akka taasisus hubachiisaniiru.
Tokkummaafi jabeenya Ortodoksiirratti ejjennoo hin jijjiiramne akka qaban himanii; ta’us Itoophiyaan biyya amantaa daneettii waan taateef akkuma tokkummaafi jabina Ortodoksii fedhan tokkummaafi jabina amantaalee biroos akka fedhan ibsaniiru. Ortodoksiin Itoophiyaaf daran waan barbaachiftuuf Finfinnee qofatti barana manneen amantaa 160 ol akka ijaaramuun alatti lafti kaareen miliyoona 1.1 kennamuusaa dubbataniiru.
Sochii jabaa mootummaan taasiseen biyya Emireetii Gamtaa Arabaattis manni amantaa Ortodoksii akka ijaaramu taasifamuu yaadachiisanii; bara mootummaa kamiyyuu haala ta’ee hinbeekneen dhimma mana amantichaa ilaalchisee abbootii amantaa waliin si’a 11 ol marii taasisuu hubachiisaniiru.
Haa ta’u malee, manni amantichaa nageenya buusuufi tokkummaa jabeessuurratti gahee irraa eegamu qixa sirriin ba’aa akka hinjirre himanii; barana qofa ibsi 326 dhimmoota garagaraarratti waldattiin baaste wayita gulaalamu walitti bu’iinsa, lola, jibba sabummaafi bittinnaa’uurratti kan xiyyeeffate ta’uu eeraniiru.
Rakkoo nageenyaa ilaalchisee akka jedhanitti, manneen amantaa bakka shaakala waraanaa osoo hintaane bakka kadhannaati. Ta’us bakka tokko tokkotti shaakala waraanaaf ta’aa jira. Gama tokkoon shaakalaa waraanaaf haala mijeessaa gama biroon nageenyi hinjiru jechuun waldhiita.
Wanti beekamuu qabu garuu osoo nageenyi hinjiru ta’ee ayyaanotni ummataa daangaa hanga daangaatti nagaan kabajuun rakkisaa waan ta’eef waa’ee nageenyaa madaalliin ibsamuu qaba.
Dhabamuun nageenyaa bira qabaan wayita ilaalamu dhugaa ta’us nageenya buusuun qooda abbootii amantaa waan ta’eef qaamoleen nageenya booressan gara nagaatti akka dhufan tumsa gochuu akka qabanis dhaamaniiru.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Bitootessa 7 Bara 2016