Finfinnee: Bulchiinsa Magaalaa Shaggaritti abbootiin qabeenyaa qarshii biliyoona 151n hojiilee invatimatii garagaraarratti bobba’an namoota kuma 179 ta’aniif carraa hojii banuu Waajjirri Invastimantiifi Industirii magaalichaa beeksise.
Ittigaafatamaan waajjirichaa Doktar Hayilamikaa’el Alamuu kaleessa Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka ibsanitti, magaalichatti pirojektonni 2000 yeroo ammaa hojiirra jiran kunneen kaappitallisaanii qarshii biliyoona 151 yoo ta’u, namoota kuma 179f carraa hojii uumaniiru.
Shaggar magaalaa haaraa ta’uusheef hojii invastimantii rogawwan maraan abbootii qabeenyaa simachuuf fedhii qabaachuu himanii, ta’us fedhii amma jiruun abbootii qabeenyaa qonna magaalaa teknolojii ammayyaan deggerama, industirii godoo hanga guguddootti, warshaalee sibiilaafi konkolaataa warshaalessan, warshaa huccuu, hospitaalotaafi hoteelota guguddoorratti bobba’uu barbaadaniif dursi akka kennamu hubachiisaniiru.
Akka isaan jedhanitti, Magaalaan Shaggar carraafi hudhaa Godina Addaa Oromiyaa Naannawa Finfinnee keessa ture waliin waan hundeeffameef sochii invastimantiirratti danqaan tureera. Bu’uuruma kanaan pirojektota invastimantii 4,000 eeyyama fudhatan keessaa kan hojiitti seenan 2,000 qofa.
Barana warra hojiitti hinseennerratti tarkaanfii fudhachuu qofa osoo hintaane abbootii qabeenyaa haaraa simachuun yeroof dhaabbatee ture. Ammaan tana garuu bifa malaammaltummaarraa bilisa ta’een abbootii qabeenyaa onlaayiniin simachuun eegalameera.
Magaalaan Shaggar pilaanii qindaa’aa mataashee qabaachuufi teknolojiin deggaramuun rakkoo hojmaataan walqabatuufi kallattii invastimatii adda baasuurratti shoora guddaa taphachuu yaadachiisanii, ammaan tana bakki qonna qindaa’aa, manufaakchariingii, giddugalli faayinaansiifi bakkeewwan invastimantii biroo addaa baafamuu ibsaniiru.
Magaalaan Shaggar Finfinneetti qofa osoo hintaane Daandii Qilleessa Itoophiyaatti dhiyaachuun, daandiin baaburaa Itiyoo-Jibuutii keessa qaxxaamuruun, bu’uuraalee misoomaa, keessattuu ijaarsi daandii geengoo kutaalee magaalichaa 12n walquunnamsiisu dhiyootti eegalamuufi humna nama baratee ga’aa qabaachuun hojii invastimantiif daran akka filatamu taasiseera jedhu.
Shaggar bu’uurumarraa dantaa qonnaan bultoota magaalichaa kabachiisuuf kaayyeffachuu himanii, hanga ammaatti qonnaan bultoota adda duree 850 gara invastimatiitti ce’aniiru. Baranas qonnaan bultoota 2,000 gara invastimantiitti ceesisuuf calalliin taasifamaa jiraachuu dubbataniiru. Qonnaan bulaan akka kana duraa beenyaa fudhatee lafasaarraa kan ka’u osoo hintaane abbaa qabeenyaa waliin haalli itti hojjetu mijachuus yaadachiisaniiru.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Bitootessa 7 Bara 2016