Hirkattummaa siyaas-dinagdee jalaa ba’uuf ulaan galaanaa barbaachisaadha

Finfinnee: Hirkattummaa siyaas-diinagidee jalaa ba’uuf ulaan galaanaa murteessaa ta’uu hayyuun  siyaasaa yunivarsitii Haramaayaa Obbo Iyyoob Tasfaayee ibsan.

Obbo Iyyoob Roobii darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka ibsanitti, biyya hirkattuummaa diinagdee, siyaasaafi hawaasummaarraa bilisa taate ijaaruuf ulaan galaanaa barbaachisaadha. Dhalootni har’aa ulaa galaanaaf gaaffii dhiiyeessaa jira. Mootummaanis deebii gaaffii kanaaf biyyoota ulaa galaanaa qaban waliin walitti dhufeenyaan hojjetaa jira. Waliigalteen tibbana Somaaliilaandi waliin taasifames rogeeyyii miidiyaa  ilaalcha morii qaban dabalatee deeggarsa argataeera.

Waliigalteen kun lammiilee biyyattii hundatti haamileefi kutannoo horuu eeranii; faayidaan waliigaltee biyyoota lamaanirraa argamu guddina diinagdee ariifachiisaa fiduun cinatti  dhageettiin Itoophiyaan sadarkaa Afrikaafi addunyaatti qabdu kan dabalu ta’uu ibsaniiru.

Akka ibsasaaniitti, biyyootni gurguddoo akka Ameerikaa, Faransaayii, Chaayinaafi Turkii fageenyarraa dhufanii naannawaa galaana diimaa osoo socho’anii Itoophiyaan harka marattee taa’uu hinqabdu. Dippilomaasiidhaan Itoophiyaa fayyadamtuu ulaa galaanaa taasisuun barbaachisaadha.

Somaaliilaandi waliin qofa osoo hintaane biyyoota ollaa waliin gabaa nagaan ‘Peace market’ walitti hidhatiinsa dinagdee uumuun cinatti mnageenya waaraa mirkaneessuuf biyyootni ollaas  fedhiin ulaa galaana Itoophiyaa milkeessuuf gahee irraa eegamu gumaachasanirraa eegamu ba’achuuu qabu.

Ummatni Somaaliilaandi bara dheeraaf waraana keessa waan turaniif yeroo ammaa nagaafi misooma fedhu. Keessumaa gama barnootaan yuunivarsitii Haramaayaa waliin hariiroo uumaa jiraachuu himanii; tarsiimoo kennanii fudhachuu Itoophiyaan eegalteen hariiroo hawaasummaafi siyaasaa biyyoota lamaanii nicima. Biyyootni ollaa Itoophiyaa hundi waan walitti isaan fidu hedduu waan qabaniif kennanii fudhachuun walittidhufuu qabus jedhaniiru.

Itoophiyaanis fedhiishee galmaan ga’achuufi dandeettii amansiisuufi kutannoo qabaachuu qabdi. Akkuma qaamni dhimmi ilaallatu hundi fayyadamummaa haqaqabeessaa hidha Laga Abbayyaa duulaan addunyaa hubachiisan, dhimma ulaa galaanaarratti duulli dippilomaasii hojjetamuu qaba.

Humna Galaanaa Itoophiyaatti Hogganaan Barnootaafi Leenjii Komaandar Kabbadaa Mikaa’el gamasaaniin, biyyi tokko ulaa galaanaa qabaachuun hirkattummaa siyaas-dinagdeerraa baraaruuf shoora olaanaa qaba. Keessumaa hojiin daldala alergiifi alaa galchuu ulaa galaanaa waan walqabatuuf ulaan galaanaa yoo hinjiraanne duubatti harkifachuun gatiin akka dabalu taasisuurra taree guddina dinagdee biyyaa waliilgalaa akka laafu taasisa.

Nageenya biyyaafis yaaddoo ta’uu himanaii; akka biyyaatti hirkattummaa gama hundaan biyyarra ga’u jalaa ba’uuf ulaan galaanaa murteessaa ta’uu ibsaniiru. Humni galaanaa Itoophiyaas dhimmicha milkeessuuf ergamasaarratti xiyyeeffatee hojjechaa jira jedhaniiru.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 7 Bara 2016

 

Recommended For You