Giddugala jireenya dubartoota daldala saalqunnamtiirratti bobba’an baraaruuf ijaarame

Finfinnee: Giddugalli Haaromsaafi Gabbisa Dandeettii Dubartootaa daldala saalqunnamtiirratti bobba’an baraaruuf kaayyeeffate ijaarsisaa xumuramee Kamisa darbe eebbifame.

Giddugalichi Finfinneetti lafa kaaree kuma 100 irratti kan ijaarame yommuu ta’u, adda durummaan jireenya dubartoota daldala saalqunnamtiirratti bobba’anii jijjiiruuf yaadameeti.

Eebba giddugala kanaarratti Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad akka jedhanitti, Finfinneerratti cabiinsa seenaa ture wal’aanuuf Godambaa Yaadannoo Injifannoo Adwaa dabalatee pirojektota guguddoo hedduu ijaaramaniiru. Ta’us walitti ida’amanii hanga giddugala kanaa hinga’an.

Dubartoonni magaalattii tokko tokko kabajaan osoo bakka hedduu ga’uu malanii haalli bittaa itti galee jireenya ulfaataa daandiirraafi daldala saalqunnamtiif saaxilamaniiru. Dubartoota cabiinsa seenaan rakkoof saaxilaman deebisanii dhaabuun dirqama mootummaafi hawaasa biyyattii ta’uun hubatamee giddugalli kun ijaarame.

Otoo giddugalawwan akkanaa ijaaruun danda’amee waggaatti dubartoota kuma 500 jireenya gadadoo kana keessaa baasuun ni danda’ama jedhanii; jireenya lammiilee fooyyessuufis hojii Finfinnee akkuma maqaashee Finfinnee teessoo gamtaa Afrikaafi dippiloomaata idiladdunyaa taasisuuf hojjetamaa jiru keessatti dallaafi manni diigamuu waan maluuf ummata dhiifama gaafataniiru.

Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee gamasaaniin, giddugalli lafa kaareemeetira kuma 100 irratti ijaarame dubartoota daldala saalqunnamtiirratti bobba’an leenjii ogummaa, xiinsammuufi deeggarsa barbaachisu kennuuf kan kaayyeeffate ta’uu himanii; waggaatti dubartoota kuma 10 ta’an leenjisuun hojiitti kan bobbaasu ta’uus yaadachiisaniiru,

Giddugalichatti leenjiiwwan sirna miidhaginaa, qonna magaalaa, qophii nyaataa, eegumsa miidhagina magaalaa, ogummaa kompitaraa, suphee dha’uu, wayyaa hodhuu, hojii mukaafi kanneen biroo kennuun hojiitti akka bobbaasan ibsaniiru. Giddugalicha bakka ciisichaa mijataafi waan hundumaan guutuu ta’uus karaa toora miidiyaa hawaasaasaanii ibsaniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 7 Bara 2016

Recommended For You