Finfinnee: Godina Gujiitti duudhaan sirna Gadaa kunuunsa bosonaatiif humna ta’aa jiraachuu Abbaan Taayitaa Eegumsa Naannawaa Godinichaa beeksise. Gurgurtaa kaarbooniif lafti hektaarri kuma tokko daangeffamaa jiras jedhame.
Ittigaafatamtuun Abbaa Taayitichaa Aadde Diiree Bobbaasaa ibsa torbee darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka jedhanitti, Gumiin Me’ee Bokkoo lallaboota lallabe keessaa tokko lallaba bosonaati. Duudhaan kun ummatni akka mukkeen/bosona hinmancaafne safeeffachiisuun kunuunsa bosonaa taasifamaa jirurratti humna cimaa ta’ee jira.
Hawaasni godinichaa waan Gadaan jibbe jibbuun, waan Gadaan jaalate jaalachuun kunuunsa bosonaa godinichaa keessatti shoora guddaa taphachaa jira.
Hayyuu (Baatuun)n Gadaa Miidhagaa Notee gamasaanitiin, sirni Gadaa qabeenya uumamaa hundaaf, keessattuu mukaaf jaalalaafi kabaja guddaa qaba. Maqaa namaa namaallee odaa, qilxuu, girjaa jedhee akka moggaasu ibsu.
Aadde Diireen, qabeenya bosonaa uumamaan godinichi qaburratti safuufi ilaalchi hawwaasichi qabu dabalamee uwwisni bosona godinichaa yeroo gara yerootti dabalaa jira jedhanii; godinichatti lafa hektaarri kuma 800 ol bosonaan uwwifamee argamu keessaa bosonni hektaara kuma 500 olirratti argamu seeraan daangeffamuu dubbataniiru.
Paarkiin Biyyaalessaa Gujii Girjaa godinichatti argamu hektaara kuma 28 olirratti daangeffames bosonaan kan uwwifame ta’uu himanii; abbaan taayitichaa barana iddoowwan Ikoo- Turizimii 12 daangessaa jiras jedhan.
Qabeenya bosonaa hawaasichi bal’inaan qabu kanaan ummata godinichaa fayyadamaa taasisuuf bosona lafa hektaara kuma tokkoo olirratti argamu daangessuun gurgurtaa kaarbooniif karoorfamee waajjirichi ‘Red Pilaasii (REDD+)’ waliin hojjechaa jiraachuu yaadachiisaniiru.
Kana malees, madda anniisaa argachuuf jecha hawwaasichi bosona akka hin mancaafnef dhaabbatuma kana waliin maddoota anniisaa biroo hawaasichaaf dhiyeessuufi galii argachuuf hojii cilee gubuu dhiisuun madda galiifi filannoo biroorratti hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.
Sagantaan Ashaaraa Magariisaa akka biyyaatti waggoota afur dura eegalame godinichatti qabeenya bosonaatif carraalee gaarii fidee dhufuu himanii; ashaaraa magariisaa bara kanaatif biqiltuu akaakuuwwan garaagaraa miliyoona torbaa ol qopheessuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu ittigaafatamtuun tun dubbataniiru.
Taammiruu Raggaasaatiin
BARIISAA SANBATAA Bitootessa 7 Bara 2016