Tarsiimichi ittifayyadama bishaanii daran cimsa jedhame

Finfinnee: Tarsimoo ijoo yeroo jalqabaatiif qophaa’e dandeettii ittifayyadama bishaan Itoophiyaa dabaluuf shoora akka qabu Ministeerri Bishaaniifi Inarjii ibse. Kitaabni “Tarsiimoo Ijoo Bishaanota Llamaanii” jedhamu Kamisa darbe Finfinneetti eebbifameera.

Minstirri Bishaaniifi Inarjii Doktar Injiinar Habtaamuu Ittafaa sirna eebbaa kanarratti haasawaa taasisaniin, tarsiimoo ijoo yeroo jalqabaatiif qophaa’e rakkoo ittifayyadama bishaanii biyyattii bara dheeraaf ture kan furuudha. Akkuma abbootiin Itoophiyaa duraanii tokkummaan injifannoo Adwaa galmeessisan tarsiimoon ittifayyadama bishaanii dhaloota har’aaf injifannoo ta’uu qaba.

Akka ibsasaaniitti, qaamolee guddina Itoophiyaa hinaafan Itoophiyaa dhiibanii fayyadamummaa qabeenya bishaanii sadarkaa amma jirurra akka ta’u taasisaniiru. Ta’us tarsiimoo ijoon ba’e kun qabeenya bishaanii meetirkiyuubii biliyoona 122 jiru qixa sirriin akka fayyadamtu taasisa jedhaniiru. Imala fedhii ulaa galaanaa eegalame milkeessuuf akkasumas biyyoota ollaa waliin guddachuuf gumaacha olaanaa akka qabus ibsaniiru.

Ministirri De’eetaan Walittihidhamiinsa Naannawaafi Daldalaa Fissihaa Yittaagasuu gamasaaniin akka jedhanitti, dhimmi bishaanii dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuuti. Itoophiyaan daldala biyya alaa galchitu (Galii) fi ergitu keessaa gatiin %16 kan dabaluuf sababa dhabamuu ulaa galaanaati.

Kanaaf, tarsiimoo ijoon qophaa’e kun rakkoo kana furuuf gumaacha olaanaa qabaachuu eeranii; garafuulduraatti dhimmi kun ajandaa hayyootaafi warra imaammata qopheessanii ta’uu qaba jedhaniiru.

Minstira Haajaa Alaatti Daarekterri Dhima Biyyoota Ollaa Obbo Zarihuun Abbabaa, dhimmi bishaanota lamaanii seenaa Itoophiyaan walqabata jedhaniiru. Birmadummaa biyyaanis waan walqabatuuf rakkoolee sadarkaa addunyaatti jiraniifi naannawaa gaafa Afiriikaa jiru funuun waliin guddachuu dhugoomsuuf tarsiimoon qophaa’e bu’aaqabeessa jedhaniiru.

Gaaffii dippilomasii Itoophiyaan gama ulaan galaann qabdu milkeesuuf tarsiimichi galtee guddaa waan ta’eef ciminaan irratti hojjetamuu akka qabu ibsaniiru.

Gaazexessituun Liidiyaa Abbabaa gama isheen tarsimoon bishaanota lamaanii qophaa’e Itoophiyaan qabeenya bishanii qabdu sirnaan akka ittifayyadamtu taasisuurra darbee gaazexesitoota odeeffannoo ummata biraan ga’aniif bu’aa guddaa qabaaachuu ibsiteetti.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 23 Bara 2016

Recommended For You

5 Comments to “ Tarsiimichi ittifayyadama bishaanii daran cimsa jedhame”

  1. Pingback: ltobet
  2. Pingback: live bdsm videos

Comments are closed.