Seenessi qeenxeen tokkummaafi milkaa’ina ijaarsa biyyaa gufachiisa

Finfinnee: Seenessi qeenxeen gufuu tokkummaafi milkaa’ina ijaarsa biyyaa ta’uu Hayyuun Barnoota Lammummaafi Hariiroo Idiladdunyaa Yunivarsitii Haramaayaa Obbo Magarsaa Nagaraa ibsan.

Obbo Magarsaan Roobii darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka ibsanitti, seenessa qeenxee maqsuun seenessa waloorratti xiyyeeffachuun milkaa’ina ijaarsa biyyaa yaadameef murteessaadha. Biyyootni Afrikaa hedduun seenessaa waloo uumuuf jecha maqaa biyyaafi alaabaasaanii hanga jijjiirratanitti ga’aniiru.

Akka ibsasaaniitti, ummattoonni biyya tokko keessa jiraatan fedhiifi seenessaa gargaraa qabu. Biyya waliin qabanirratti garuu fedhisaaniin garagara ta’uu hinqabu. Keessumaa biyya waliin qabanirratti fedhii waloo dhabuu, sirna bulchiinsa hunda hammataa dhabuu, fayyadamummaan dinagdeefi hawaasummaa mirkanaa’uu dhabuun maddoota garaagarummaa ijoo ta’aniidha.

Garaagarummaan ilaalchaafi fayyadamummaa seenessaa qeenxeetti dabalamuun fedhii siyaasaa jiruun walunatee gara humnaan furmaata barbaaduutti ce’uu himanii; seenessa qeenxeetiin garaagarummaa jiruun goobane kun akka biyyoota Awurooppaa Bahaa gara biyya diiguutti geessuu waan danda’uuf ofeeggannoon barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Garaagarummaa kanatti furmaata kennuuf mootummaan qaawwa dinagdeefi hawaasummaa akkasumas dhimmoota bulchiisaan walqabatanii seenessa qeenxeef galtee ta’an akka furmaata argatan taasisuu qaba jedhanii; qaamolee sababa seenessa qeenxeefi dhimmoota biroon gara qabsoo hidhannootti seenan marii nagaan rakkoo jiru furuuf gaheesaanii taphachuu akka qaban dhaamaniiru.

Itoophiyaa biyyaa sabootaafi sablammootaati malee biyya seenessa garee muraasaan geggeeffamtu ta’uu akka hinqabne himanii; kana gochuufis seenessa dogoggoraa kaleessaa sirreessuun seenaa dhugaafi seenesssa waloo hundeen lafa qabsiisuun barbaachisaa ta’uu yaadachiisaniiru.

Ijaarsa waloosaanii cimsuuf biyyootni Afrikaa Dhihaa kanneen akka Gaanaa maqaasaanii ‘Goldcoast’ ture har’a gara Gaanaatti jijjiiraniiru. Magaalaa guddoon Naayijeeriyaan Leegoos ture maqaa koloneeffataan moggaafame jechuun eenyummaa waloosaanii waan cimsuuf gara Abuujaatti jijjiiramuu akka fakkeenyaatti kaasaniiru.

Itoophiyaanis seenessa walooshee cimsuuf akka haala qabatamaa yeroo gaafatutti seenessa waloo dagaagsuu qabdi. Seenessi qeenxeen kaleessaa deebi’ee akka hin dalagamneef mootummaan sirna hunda hammatuufi loogiirraa bilisa ta’e hojiirra oolchuu akka qabu hubachiisaniiru.

Hayyootnis miidhaa seenessa qeenxeefi bu’aa seenessa waloo qorachuudhaan ummata barsiisuu akka qabaniifi midiyaaleenis dhimmicharratti xiyyeeffachuu akka qaban dubbataniiru. Ummatnis jechaafi gochasaatiin wantoota seenessa waloo diiganirraa of qusachuu akka qabu dhaamaniiru.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 23 Bara 2016

Recommended For You

3 Comments to “ Seenessi qeenxeen tokkummaafi milkaa’ina ijaarsa biyyaa gufachiisa”

  1. Pingback: Bauc14
  2. Pingback: let's chat
  3. Pingback: phuket diving

Comments are closed.