Finfinnee: Ji’oota ja’an hiirmaannaa ummataan ijaarsifi suphiinsi manneen barnootaafi barsiisotaa qarshii biliyoonni 16 olitti shallagamu raawwatamuu Biiroon Barnoota Oromiyaa (BBO) ibse. Gumiin Tiraansfoormeeshinii Barnootaa hundeeffames hojii eegale.
Sadarkaa Hogganaa Ittaanaa BBOtti Gorsaan biirichaa Obbo Efreem Tasammaa ibsa Kamisa darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka jedhanitti, hirmaannaa ummataatiin ijaarsiifi suphiinsa Manneen Barnootaa Bu’uura Boruufi Manneen Barsiisotaa qarshii biliyoona 16 ol ta’uun raawwatameera.
Barana Manneen Barnootaa Bu’uura Boruu kuma afuriifi 574 ijaaruuf karoorfamee, kuma afur ijaaruun danda’ameera. Manneen barnootaa kuma sadiifi 410 suphuuf karoorfamee, karooraa ol kuma afuriifi 418 suphamuu eeranii; manneen jireenya barsiisotaa baadiyyaa kuma afur ijaaruuf karoorfamee, karooraa ol kuma shaniifi 213 ijaaramuu ibsaniiru.
Barana ijaarsa manneen barumsaa sadarkaa 2ffaaf karoorri qabame hinjiru. Kunis bara 2013 mootummaan qarshii biliyoona 5.6 baasii gochuun manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa 100fi manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa bultii addaa torba ijaaramuu yaadachiisaniiru. Bakka turtii daa’immanii sekteroota hunda keessatti eegalchiisuuf hojii keessa galamuu himanii; hojiin qulqullina barnootaa naannichaa mirkaneessuufis hojii bal’aan hojjetamaa jira jedhaniiru.
Akka ibsasaaniitti, qulqullina barnootaa mirkaneessuuf biirichi daa’imman manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa hanqina dubbisuu, barreessuufi shallaguu qaban qorannoodhaan adda baasuun barsiisota qaxaleen kutaa 1ffaa-4ffaatti akka barsiisan taasifameera. Duulli dubbisuu, bareessuufi shallaguu barsiisuu torbee ja’aaf hojiirra oolaa jira.
Kana malees, bara 2014 irraa eegalee barattoota kutaa 8ffaa qabxii olaanaa galmeessisan 4000 dorgommiin manneen barnootaa bultii addaatti fudhachuun barsiisaa jiraachuu ibsanii; deggarsa bulchiinsa magaalotaafi yunivarsitwwan naannawaatti argaman fayyadamuun manneen barnootaa bultii addaa kutaa 9ffaa-12ffaa 33tti barattoonni kuma ja’a barachaa jiraachuus himaniiru.
Qormaata akka walirraa hinwaraabineef qormaanni biyyaalessaa yunivarsitiiwwan naannawaatti akka qoraman himanii; barattoonni kutaa 8ffaa ammoo barsiisota manneen barnootaa sadarkaa lammaffaatti akka qoraman taasifameera. Qormaatni dareettii barsiisaan kennamus guddugaleessan waajjira barnootaa aanaatti qophaa’ee manneen barnootaaf akka raabsamu taasifamaa jira jechuun ibsaniiru.
Ga’umsa barsiisotaa fooyyessuuf qabiyyee barnootaa barsiisan irratti leenjii kennuu dabalatee manneen barnootaa bu’uura boruu cimsuun gara oliitti miira dogorgommii ummuun walitti qindaa’ee qulqullina barnootaa akka milkeessuuf hojii bal’aan hojjetamaa jiras jedhaniiru.
Hojiin barnootaa dhimma lammii hundaa ta’uu himanii; milkaa’ina hojii kunneeniifis Gumiin Tiraansfoormeeshinii Barnoota Oromiyaa Pirzedaantiin naannichaatiin hogganamu hundaa’ee hojii keessa galeera. Baranattis barattootni miliyoona 11.5 barnootaarra jiraachuus yaadachiisaniiru.
Gammachuu Kadiriin
BARIISAA SANBATAA Guraandhala 23 Bara 2016
8 Comments to “ Oromiyaatti hirmaannaa ummataatiin ijaarsiifi suphiinsi manneen barnootaa qarshii biliyoona 16 ol hojjetame”
Comments are closed.