Finfinnee: Nagaafi tokkummaan jiraannaan gaaffii misoomaa dhawaataan deebisuun rakkisaa akka hintaane Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad ibsan.
Doktar Abiyyi tibbana kutaalee hawaasaa godinaalee Oromiyaarraa walitti dhufan waliin wayita marii taasisanitti, nageenyaafi tokkummaan yoo jiraate gaaffii misoomaa dhawaataan deebisuun salphaa ta’uu himanii; hojiileen misoomaa baajata mootummaan ramadeen qixa sirriin hojjetamanii tajaajila ummataaf akka hinoolle rakkoon nageenyaa hudhaa ta’uu ibsaniiru.
Maricharratti rakkooleen dhaabbilee tajaajila hawaasaa, bu’uuraalee misoomaa, galtee qonnaafi haalli nageenyaa gaaffiiwwan ijoo ka’an turan. Hundaa ol mootummaan rakkoo nageenyaa Oromiyaa keessaa marii karaa nagaa jalqabameen akka furamus gaafataniiru.
Gaaffiilee kanneeniif deebii kan kennan Doktar Abiyyi, tokkummaafi nageenyaan ala misoomni akka hin yaadamne eeranii; ummatni jijjiirama aarsaa dhufe itichuufis ta’e gaaffii misoomaasaaf deebii argachuun nageenyaafi tokkummaasaa tikfachuu qaba jedhaniiru. Mootummaan qaama hidhatee nageenya booressaa jiru waliin waldhabbii jiru mariin furuuf qophii ta’us qaamni sun gara nagaatti akka deebi’u hawaasni dhiibbaa uumuu akka qabu dubbataniiru.
Oromoon qabsoo jaarraa tokkoo olii booda gaaffii abbaa biyyummaasaa gonfateera kan jedhan Doktar Abiyyi; har’a wayita dukkanni bari’eefi gaaffiin abbaa biyyummaa deebi’etti bilisummaa argame tikfachuu dhiisanii bilisummaa gaafachuun dogoggora guddaa ta’uu hubachiisaniiru. Seenaan Itoophiyaa Oromoo ala hojjetamee bakka hinjirretti gumaata ofii gatanii irraa dheessuufi osoo ofiin of bulchuun danda’amuu abba biyyummaa gaafachuun hubannaa dhabuurraa kan maddu ta’uus ibsaniiru.
Oromoon akka duudhaasaa ganamaatti nagaa keessoosaa; kan ollaasaa akkasumas kan uumaafi uumama qixa sirriin eeguu akka qabu dubbatanii; haata’u malee, maqaa Oromoon qabsa’aa Oromoo saamuu, ajjeesuu, dararuufi misooma danquun qabsa’aa waan nama hintaasifneef irraa ofqusachuun barbaachisaa ta’uu dhaamaniiru.
Akka isaan jedhanitti, dheebuu misoomaa ummatni qabu akka yaadametti deebisuuf waraanni irra deddeebiin taasifamaa jiru qabeenya misoomaaf oolu nyaataa jira. Anga’oonniifi abbootiin qabeenyaa maqaa Oromoon gara angoofi hojiitti dhufuun hannarratti bobba’uun danqaa misoomaa ta’ee jira. Gaafa gara angootti dhufan ni hatu, fira ofii sassaabbatu wayita seeratti dhiyaatan maqaa Oromoon waakkatu. Abbootiin qabeenyaa Oromoos wayita hojjedhaa jedhaman pirojektii waggaa lamatti xumuramuu waggaa kudhan taasisuun ummata hiraarsu. Wayita tarkaanfiin irratti fudhatamu ammoo Oromoo ta’uusaanii himatu.
Dhiyeessa xaa’oo ilaalchisees akka jedhanitti, barana xaa’oon hangi tokko fooyya’aan waan bitamee biyya galaa jiruuf rakkoon mudachuu maluu dhiisa. Ta’us, hanqina xaa’oo mul’atu maqsuufis ta’e lafti keemikaalaan akka hinmiidhamne kompostii fayyadamuun murteessaadha.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Guraandhala 23 Bara 2016
2 Comments to “ “Nagaafi tokkummaan jiraannaan gaaffii misoomaa deebisuun nama hinrakkisu” -Ministira Muummee Abiyyi Ahmad (PhD)”
Comments are closed.