Magaalaan Adaamaa hojii dijitaalaayizeeshiniin shampiyoona taate

Finfinnee: Magaalaan Adaamaa hojiin dijitaalaayzeeshinii hojjette Fooramii Magaalota Itoophiyaa 9ffaa Walaayittaa Sooddootti gaggeeffamerratti shampiyoona ta’uun ibsame.

Kaantibaa Ittaantuun magaalichaa Aadde Hinseenee Mahaammad ibsa kaleessaa Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka jedhanitti, Adaamaa tajaajilota dijitaalessuun, wabii midhaan nyaataa mirkaneessuun, kalaqa dagaagsuufi carraa hojii uumuun hojiilee magaalota biyyatiif fakkeenya ta’an hojjetaa jirtuudha.

Pirojektii “Smart Adaama” jedhamuun kaameeraa nageenyaa (‘CCTV’)fi bilbila ammayyaatiin taateewwan magaalichatti raawwataman waajjira kaantibaa keessa taa’anii kallattiin hordofuun yakkoota raawwataman ittisuurratti argama.

Manneen hojii mootummaa magaalichaa aanaarraa hanga sadarkaa magaalaatti jiran hundatti kaameeraa nageenyaa diriirsuun alseerummaan sektaaroota mootummaa keessatti akka hindalagamne hordofaa jiraachuu himanii; teknolojicha fayyadamuun hojjettoota mootummaa matta’aa fudhatan bira ga’uun seeratti dhiyeessuu eeraniiru.

Seektarootni mootummaa tajaajila guyyaa guyyaadhaan kennaa oolan karaa dijitaalawaa kallattiidhaan hordofuun tajaajilli kennamu akka fooyya’u taasifamaa jiraachus ibsaniiru.

Kana malees, moosaajiiwwan (softwares) misoomanii tajaajila magaalaa guutummaatti dijitaalessuunis abbootiin dhimmaa tajaajila si’ataafi haqaqabeessa akka argatanif hojjetamaa jira jedhanii; invasteroota hedduu simachuun dhabdoota baay’eef carraan hojii uumamuus dubbataniiru. Ji’oota ja’an darbanitti sheedotni kuma tokkoofi 200 ijaaramuus ibsaniiru.

Hojii kalaqaa dagaagsuufis kolleejota BLTO waliin ta’uun hojiin magaalota biroo barsiisuu danda’an hojjechuu eeranii; maashinootni kanaan dura sharafa alaa guddaadhaan alaa galaa turan dargaggoota magaalichaatiin hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

Magaalichatti hojiin kalaqa qodaaa haaylaandiirraa boraatii hojjechuu, maashinoota muka muraniifi xuubii omishan salphaadhumatti dargaggootaan kalaqamuus akka fakkeenyaatti eeraniiru. Dargaggoota hojii kalaqaa hojjetan kunneeniifis iddoon bu’aa kalaqasaanii itti gurgurataniifi ittiagarsiifatan kan mijate ta’uu himaniiru.

Hojiilee dijitaalaayizeeshinii hojjetamaniifi hojiilee hordoffiifi to’annoo diriirfamaniin galiin namoota dhunfaas ta’ee kan bulchiinsa magaalaa dabalaa jira kan jedhan Aadde Hinseeneen; waggoota sadii dura galiin waggaa magaalichaa qarshii biliyoona 1.7 gadi sassaabamaa ture barana qarshii biliyoona 13tti guddisuuf hojjetamaa jiraachuu hubachiisaniiru.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 23 Bara 2016

Recommended For You

3 Comments to “ Magaalaan Adaamaa hojii dijitaalaayizeeshiniin shampiyoona taate”

  1. Pingback: auto swiper
  2. Pingback: burnout

Comments are closed.