“Guddummaafi aarsaan injifannoo Adwaa sirriitti hubatamuu qaba” -Dubartoota Gootota

Finfinnee: Wareegama qaaliin kaffalameefi guddummaa  Injifannoon Adwaa dhaloota har’aatiin sirriitti hubatamuu akka qabu Dubbartoonni Gootonni Miseensa Waldaa Gootota Itoophiyaa hubachiisan.

Dubbartoonni Gootonni kunneen Kamisa darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka ibsanitti, ummatni gurraachi meeshaalee waraanaa boodatti hafoo fayyadamuun warreen adii meeshaalee waraanaa ammayyaa hanga funyaaniitti hidhate injifachuufi injifannoo argame tikfachuun yeroo sanitti tasa waan yaadamu hinturre. Biyyootni hedduunis kanumaaf harka koloneeffattootaatti kan kufaniif.

Gootittiin Sablee Nigaatuu akka jedhanitti, abbootni keenya fageenya har’a imaluun hin yaadamne imalanii beela, dheebuufi bututaa hamaa keessatti diina injifachuun gootummaa addaa qorannoo gadifagoo gaafatuufi dhalootaaf darbuu qabuudha.

Injifannoon wareega qaaliin argameefi mallattoo gootummaafi birmadummaa ummata gurraachaa mara ta’e kun sababa waldhaga’uun dhibeef kabajnisaa gadibu’aa dhufe. Icciitii injifannoo Adwaa qixa sirriin dhaloota barsiisuu dhabuun asoosama fakkaatee mul’achuu eeranii; biyyootni Afrikaa hedduun Itoophiyaa caalaa guddina injifannichaa hubachuun haala ho’aan kabajaa jiraachuu dubbataniiru.

Hirmaannaan dubbartootaa akkuma kan Sabaafi Sablammootaa kan baay’ee hinhimamne ta’uu yaadachiisanii; bilchinni hoggansi dubartootaa gama Iteegee Xaayituun mul’atee ture dubbartootni dhaloota har’aa hedduun goota yeroo gaafatu ta’uuf barumsa guddaa ta’uu ibsaniiru. Hunda ol, kitaaba seenaafi siidaa yaadannoo calaqqee hundaa kan ta’e Godambaan Yaadannoo Injifannoo Adwaa gootummaa dhaloota har’aa kan calaqqisiisuudhas jedhan.

Ammaan tana miirri tokkummaa, obbolummaafi biyyaalessummaa laafaa jiraachuu caqasanii; dhalootni calaqqee abbootaa waan ta’aniif injifannoo ittaanuuf garaagarummaa moggaatti dhiisanii gara tokkummaatti akka dhufan dhaamaniiru.

Gootittii Barrinash Malaakuu gamasaaniin akka jedhanitti, dubartoonni waraanarratti kallattiin hirmaachuun ala galaa dhiyeessuun, isa kufe kaasuufi wal’aanuurratti shoora guddaa taphataniiru. Dubartoonni ulfaafi hoosiftuu ta’uusaanii qe’eetti hafan daa’imman warra duulee ofitti fuudhuun kunuunsaafi qe’ee eeguun gaheesaanii ba’aniiru. Injifannoo Adwaa keessatti gaheen dubartii dachaa ta’us hanga sana hindubbatamne.

Dhalootni har’aa dhaloota waan baay’ee hubachuuf carraa bal’aa argateedha jedhanii; bara lola Adwaa walwaraansi gosaa hamaan osoo jiruu irree tokkoomuun diinatti ba’uun dhaloota har’a waan waa’ee baasuufi waa’ee hinbaasneef walciqiluuf barumsa guddaa ta’uu hubachiisaniiru.

Waaqshuum Fiqaaduu

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 23 Bara 2016

Recommended For You

2 Comments to ““Guddummaafi aarsaan injifannoo Adwaa sirriitti hubatamuu qaba” -Dubartoota Gootota”

  1. Pingback: ruay
  2. Pingback: Go Here

Comments are closed.