Me’ee Bokkoo: Abbootiin Gadaa waggoota saddeetiif erga ummata bulchanii booda barri bulchiinsasaanii yeroo darbuuf jiru, Baallii kennuuf of qopheessu.
Otoo guyyaan Baallii itti kennan hinga’in dura halkanii guyyaa Waaqaaf galata dhiyeessuuf Tuulii Buluun gara Ardaa Jilaa Me’ee Bokkoo deemuun miseensotni Gumii Me’ee Bokkoo Gogeessota hundarraa achitti (Me’ee Bokkootti) argamuusaanii erga mirkaneeffatanii booda guyyaan teessuma Gumii filatamee murtaa’a.
Gogeessi Baallii kennu karaa dimokraatawaan aangoo kennuuf fedhii qabaachuusaa agarsiisuuf “Ilma abbaan bobbaase, dhageettaa hobbaasee, Gadabitti qajeelee, Baatomuu kajeelee” jedhee qeexala. Gogeessi Baallii fudhatus seeraafi heera hawwaasicha bulchuun lallabuuf miseensotni Gadaa Gujii hundi seera Yubootaan lallabamu dhaggeeffachuuf guyyaa guyyaadhaan ganama ganama hanga walharkaa fuudhiinsi gaggeeffamutti gara Oollootti imalu.
Yommuu gara Oollootti imalanis, yubootni akkas jechaa daandiirra lallabaa adeemu, “Oolloo kopheenhinseenanii beekkadhu, Gumiin Gogeessaan deemanii beekkadhu, waraanaan malee uleen Oolloo hinseenanii beekkadhu, Naafti hinseenuu beekkadhu.”
Hanga gumichi xumuramutti lallabni seeraa kan gaggeeffamu ganama sa’aatii 4:00 hanga sa’aatii 6:00tti yommuu ta’u, sa’aatii 6:00 booda seerri hinlallabamu.
Adeemsawwan kanneen hunda keessa darbuun guyyaa walharkaa fuudhiinsi Baallii gaggeeffamutti osoo mataan biiftuu hinba’in miseensi Doorii warra Baallii fuudhuu, hayyoota Torba qabatee, dhufaa jirra karaa nuu banaa jedhee, Gogeessa Baallii kennu si’a sadii gaafachuun afraffaarratti “koottaa” jedhamee erga heyyamameefii booda Galma Gadaa seenanii qodaa aannanii abbaa Gadaatiin aannaniifi Bookni kennamaaf.
Gareewwan lamaan kunnniin erga waleebbisanii xumuranii booda Fagi Baallee Guchii Abbaan Gadaa mataarratti suuqqate keessaa kan gara bitaa buqqisee, kan aangoo fudhatuuf mataatti suuqa. Battaluma sanatti isaan kanaan dura abbaa Gadaa turan Baatuu ta’u, Dooriin Baalliin Guchii mataatti suuqameef immoo abbaa Gadaa ta’u.
Walharkaa fuudhiinsi kun battaluma gaggeeffametti inni Baallii fudhate hayyootasaa waliin si’a tokko Odolcha yaabuun “Gadaa,” Gadaa”, “Gadaa” “Gadaa Mirga”, Gadaa Bitaa” jechaa gara qachaasaatti imala.
Abbaan Gadaa Gujii Miidhagaa Neetoo turtii Dhaabbata Pireesii Itoophiyaa waliin taasisaniin akka jedhanitti, adeemsi Gujiin Ittiin Baallii waliif dabarsu karaa iftoomina qabuufi dimokraatawaa ta’eedha.
Akka ibsasaanitti Sirna Gadaa Gujii keessatti waantonni hundi seera qaba. Kanaaf Walharkaa fuudhinsa Baallii raawwachuun dura guyyoota jahaaf walitti fufiinsan lallabni seeraa akka gaggeeffamu tàasifame.
Bulchaan Godina Gujii Obbo Nagaash Bullaallaas akka jedhanitti, gaafa Gadaa jedhan Oromootu, gaafa Oromoo jedhan Gadaatu sammuu namaatti dhufa.
Walharkaa fuudhinsa Baallii Gadaa Gujii Roobii darbe bakka pirezidaantiin BMNO, Obbo Shimallis Abdiisaa, Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurahmaan dabalatee qondaaltonni mootummaa federaalaa, naannoofi keessummoonni biyya keessaa alaa argamanitti gaggeeffameen Jaarsoo Dhugoon Abbaa Gadaa Gujii 75ffaa ta’uun ni yaadatama.
Taammiruu Raggaasaatiin
BARIISAA SANBATAA Guraandhala 16 Bara 2016
4 Comments to “Walharkaa fuudhiinsi Baallii Gujii karaa dimokraatawaan raawwatame”
Comments are closed.