Finfinnee: Itoophiyaa biyya ummata miliyoona 120 oliif ulaan galaanaa dhimma jiruufi jireenyaa waan ta’eef waca kamiinuu kan boodatti jedhamu akka hintaane Yuunivarsiitii Dirre Dhawaatti Hayyuun Seeraafi Nageenyaa Doktar Roobaa Pheexiroos ibsan.
Doktar Roobaan Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf Roobii darbe akka ibsanitti, biyyi ummata miliyoona 120 ol qabduufi qabeenya uumamaatiin badhaate Itoophiyaan ulaa galaanaa malee jiraachuun biyyoota ollaasheerra darbee addunyaafuu rakkoo guddaadha. Itoophiyaan biyya ulaa galaanaa shiraan mulqamteedha. Kallattii kamiinuu ulaa galaanaa argachuun dirqama qofa osoo hintaane akka seera addunyaatti mirga guutuu qabdi.
Itoophiyaa biyya naannawa murteessaa Galaana Diimaatti dhiyoo jirtu dhiisii biyyootni fageenya kiiloomeetiroota hedduu imaluun ulaa galaanaafi buufata loltuu irratti ijaarrachaa jiraachuu himanii; Itoophiyaan sochii dinagdee, siyaasaa, hawaasummaafi dinagdee kallattiinis ta’e alkallattiin ishee miidhu yookiin fayyadurraa sababni harka dachaafattee teessuuf akka hinjirre ibsaniiru.
Waliigalteen tibba darbe ulaa galaanaa argachuuf Sumaaleelaandi waliin mallatteessite seera dabsuu yoo ta’e malee taatee sirrii ta’uu himanii; Sumaaleelaandi akkaataa seera Monteviidoo jedhamu kan bara 1931 ba’eetti biyya ta’uuf ulaagaa hunda guutteerti. Heera, raayyaa, mootummaa, maallaqaafi kanneen biroon biyya ta’uu kan ishee dandeessisu hunda guuttachuus dubbataniiru.
Afrikaatti biyyootni 16 uumamaan ulaa galaanaa hinqaban. Itoophiyaan garuu shira koloneeffattootaafi dogoggora seenaa ta’eeti malee biyya ulaa galaanaatiin beekamtii cimaa qabdu turte. Amma garuu gaabbii guddaadhaan ulaa galaanaa argachuuf carraaqqii guddaa taasisaa jirti. Tattaaffichi dippiloomaasii cimaan deeggaramuu qabas jedhan.
Haala amma jiruun sochiin naannawa Galaana Diimaa sochii siyaasaafi dinagdeerraa gara sochii nageenyaatti ce’uu himanii; Gibxii naannawichatti buufata waraanaa afur yoo qabaattu, kan kanaan dura ulaa galaanaa hinqabne Yordaanosillee ulaa galaanaa gonfatteetti. Itoophiyaan handhuura gaanfa Afrikaa taatee ulaa galaanaa dhabuun akkuma biyyaattuu ittifufuuf rakkisaa waan ta’eef ulaa galaanaa tokko qofa osoo hintaane lama sadii argachuuf carraaquutu isheerraa eegama jedhaniiru.
Ofii fageenyarraa dhufanii biyyi ollaa Itoophiyaan akka ulaa galaanaa hinarganneef wacuun seenaanis seeraanis fudhatama waan hinqabneef gara fuulduraatti deemuun dirqama ta’uu hubachiisaniiru.
Ministirri Dhimma Alaafi Walta’iinsa Hariiroo Idiladdunyaa Somaaleelaandi Doktar Isaa Kaayid gamasaaniin Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka ibsanitti, waliigalteen ulaa galaanaa Itoophiyaafi Sumaaleelaandi waliin mallattaa’e dhiibbaa qaama kamiinuu hinjijjiiramu. Ibsa Gibxi da’oo Liigii Arabaatiin baastuufi dhiibbaa qaama sadaffaa biyyisaanii nibalaaleffatti. Raawwii waliigaltee mallattaa’eef koree teeknikii hundeessuun ala gartuu seeraa idiladdunyaafi gorsitoonni mootummaa hundaa’uus ibsaniiru.
Waliigalteen mallattaa’e bu’uura seera addunyaatiin ta’uun dabalata guddina biyyoota lameeniif carraa guddaa qabaachuu himanii; hariiroon daldalaafi hawaasummaa biyyoota lameen daran kan cimsu ta’uus eeraniiru.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Guraandhala 16 Bara 2016
3 Comments to ““Ulaan galaanaa dhimma jiruufi jireenyaa waan ta’eef wacaan kan dhiifamu miti ” -Roobaa Pheexiroos (PhD) Hayyuu Seeraafi Nageenyaa”
Comments are closed.