Finfinnee: Naannoo Tigraayitti lammiilee sababa balaa hongeefi waraanaatiin miidhaman keessaa namootni %20n gargaarsa namoomaa argachaa jiraachuu Hoggansi Sodaa Balaa Naannichaa ibse.
Komishinarri Komishinii Hoggansa Sodaa Balaa Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay Doktar Gabrahiwot Gabragizihaaber Kibxata darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka ibsanitti, naannichatti lammiilee gargaarsa namoomaa barbaadan keessaa %20 qofatu gargaarsa argachaa jira. Lammiileen sababa honqeefi waraanaatiin qe’eerraa buqqa’uun rakkoof saaxilamaniiru.
Bulchiinsi yeroo naannichaa dhaabbilee mitmootummaafi mootummaa Federaalaa waliinta’uun lakkoofsa lammiilee gargaarsa namoomaa barbaadanii adda baasaniiru.
Ta’us garuu yeroo ammaa naannawawwan Tigraay Lixaa Bulchiisa Yeroo Naannichaa jalatti hinhammataminii ala godinaaleefi aanaalee naannichaa hunda keessaa lammiileen hundi gargaarsa namoomaa fedhu. Hanga ammaattis rakkinicha furuuf dhaabbata ‘CRA’ jedhamu qofaan gargaarsi %20 marsaa jalqabaa eegalamuu himanii; marsaa lammaffaanis geejibamaa jiraachuufi Sagantaa Nyaata Addunyaas bakkeewwan muraasatti deeggarsa eegaluu eeraniiru.
Bulchinsa yeroo naannichaafi Mootummaa Federaalaa waliin ta’uun gargaarsi hanga ta’e taasifamaa jira. Mootummaan federaalaa bara 2015tti lammiilee qe’eesaaniirraa buqqa’aniif midhaan nyaataa marsaa duraa kuntaala kuma 30, marsaa ittaanuu kuntaala kuma 126 waliigalaan kuntaala kuma 156 gargaarsa taasiseera. Bara 2016ttis, midhaan nyaataa kuntaalli kuma 77 marsaa duraatiin, kuntaala kuma 25 marsaa lammaffaan waliigalaa midhaan kuntaalli kuma 102 gargaarsa taasifameera jedhan.
Bulchiinsi yeroo naannichaas haaluma walfakkaatuun gargaarsa qarshii miliyoona 296tti shallagamu baasii gochuudhaan gargaarsa qarshiifi akkaakuudhaan deeggarsa taasiseera. Deebii Balaa Hatattamaa Tigraayii hundeessuunis qarshii miliyoona 329 baasii gochuun naannawaa gargaarsi hatattamaa barbaachisutti gargaarsi akaakuufi qarshii dhiyeessaa jiraatus ga’aa akka hintaane ibsaniiru.
Walumaagala hongeefi beellii naannichatti rakkoo hamaa ta’uudhaan lammiilee dararaa jiraachuu himanii; gargaarsi taasifamaa jirus lakkoofa lammiilee gargaarsa barbaadaniitiin kan walhinmadaalleedha jedhan.
Kanaaf, dhaabbileen gargaarsa namoomaa kennan humnasaanii guutuudhaan lammiilee kanneeniif akka qaqqaban waamicha dhiyeessaniiru. Mootummaan federaalaas rakkinicha hubatee lammiilee kanneeniif qaqqabuu qaba jedhaniiru.
Mana Marii Bakka Bu’oota Ummataatti Koreen Dhaabbii Dhimmoota Hariiroo Alaafi Nageenyaa Itoophiyaanonni lammiilee Naannoo Tirgaayitti balaa uumamaafi namtolecheetiin miidhaman gargaaruuf gumaachasaanii akka bahatan dhiyeenya kana waamicha dhiyeessuunsaa ni yaadatama.
Gammachuu Kadiriin
BARIISAA SANBATAA Guraandhala 16 Bara 2016
6 Comments to “ Tigraayitti gargaarsi namoomaa %20 dhaqqabuun ibsame”
Comments are closed.