Tarcaa: Tarcaan Naannoo Itoophiyaa Kibba Lixaatti, Magaalaa guddoo Godina Daawuroo yoo taatu, pirojektiin bishaan dhugaatii mootummaan federaalaafi naannichaan qarshii miiliyoona 205 oliin hojjetamaa jiru dhiyeenyatti xumuramee tajaajilaaf kan oolu ta’uu kantiibaan magaalattii ibsan.
Kantiibaan magaalattii Obbo Daawiit Wandimmuu garee gaazexeessitoota Dhaabbata Pireesii Itoophiyaa dhiyeenya kana hojiif garasitti imaletti akka himanitti, hojiin ijaarsa pirojektichaa Caamsaa bara 2013 jalqabamuufi yeroo ammaa sadarkaa xumuramurra gaheera. Pirojektichi yeroo gabaabaa keessatti xumuramee tajaajilaaf kan oolu ta’uufi rakkoo bishaan dhugaatii magaalattii sadarkaa olaanaadhaan kan furu ta’uu himaniiru.
Pirojektiin bishaan dhugaatii qulqulluu kun sekondii tokkotti bishaan liitirii 30 ol kan maddisiisu ta’uu himanii, bishaan yeroo ammaa magaalattiif dhiyaachaa jiru sekondii tokkotti bishaan liitirii 10 maddisiisaa jiraachuus eeraniiru.
Godina daawurootti Ittigaafatamaan Qajeelcha Bishaan, Albuudaafi Inarjii Injinar Yohaannis Baaddaa akka jedhanitti, uwwisni bishaan godinichaa %37.23 irra gaheera. Hojiin ijaarsa pirojektii bishaan dhugaatii qulqulluu guddaan qarshii miliyoona 205n magaalaa guddoo godinichaa Tarcaatti hojjetamaa jirus yeroo ammaa sadarkaa xumuraarra gaheera. Pirojektiin bishaan dhugaatii kun abbaa warraafi haadha warraa kuma 25fi 253 fayyadamoo kan taasisu ta’uu himu.
Pirojektichi Kaampaanii Ijaarsaa ‘United’n hojjetamaa jiraachuu himanii, kaampaanichi hojii ijaarsa pirojektichaa yeroo qabameef keessatti xumuruuf hojjechaa jira. Hojiin pirojektichaa torbanoota muraasa keessatti xumuramee tajaajilaaf kan oolu ta’uus himaniiru.
Lakkoofsi ummata magaalattii yeroo gara yerootti dabalaa waan jiruuf hojiin boolla bishaan dabalataa qotuufi pirojektoota bishaanii addaan citanii turan itti fufsiisuu raawwatamaa jira. Pirojektonni bishaanii magaalattiitti hojjetamaa jiran guutummaatti yeroo xumuraman fedhiifi dhiyeessa bishaan dhugaatii magaalattii kan walsimsiisu ta’uu himu.
Pirojektiin bishaan dhugaatii magaalattiitti hojjetamaa jiru yeroo ammaa gandoota magaalattii sadiif tajaajila kennaa jiraachuu himanii, yeroo gabaabaa keessatti gutummaatti tajaajila guutuu kennuu kan jalqabu ta’uu himaniiru. Hojiin hafu sarara ujummoo bishaanii sakatta’uu ta’uus himaniiru.
Uwwisa bishaan dhugaatii godinichaa guddisuuf pirojektoonni bishaan dhugaatii iddoowwan gara garaatti hojjetamaa jiraachuu himanii, hojiiwwan pirojektoota kanneeniis haala gaariin adeemsifamaa jiraachuu dubbatu.
Baadiyyaattis dhaabbilee deeggartootaa gara garaa waliin ta’uudhaan burqituuwwan gara garaa misoomsuudhaan hawaasni akka ittifayyadamu taasisaa jiraachuu himanii, uwwisni bishaan dhugaatii qulqulluu baadiyyaa godinichaa %29 irra jiraachuufi uwwisa kana guddisuuf karoora baafatanii hojjechaa jiraachuus himaniiru.
Hanqinni bajataa pirojektoonni bishaan dhugaatii yeroon akka hinxumuramne taasisaa jiraachuu kan himan Injinar Yohaannis, akka godinichaatti yeroo ammaa pirojektonni bishaan dhugaatii sagal bajata qarshii miliyoona 400 oliin hojjetamaa jiraachuus eeraniiru.
Rakkoon bishaan dhugaatii qulqulluu hojii mootummaa raawwachaa jiruun guutummaatti waan hinfuramneef abbootiin hoteelaa, kaampaanonniifi warshaaleen gara garaa boolla bishaanii qotanii itti fayyadamuun rakkoo bishaan dhugaatii furuu keessatti akka hirmaataniif dhaamaniiru.
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Guraandhala 16 Bara 2016
2 Comments to “ “Pirojektiin bishaan dhugaatii qarshii miliyoona 205 oliin Tarcaatti hojjetamaa jiru dhiyeenyatti tajaajila kennuu jalqaba” -Obbo Daawit Wandimmuu (Kantiibaan magaalattii)”
Comments are closed.