Finfinnee: Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad Kamisaafi Kibxata darbe bakka buutota ummattoota godinaalee naannolee lamaaniirraa babbahan wajjin haalota wayitiirratti mari’atan.
Doktar Abiyyi odeeffannoo karaa fuula miidiyaa hawaasaasaaniin Kamisa darbe kennaniin, “Har’a bakkabuutota godinaalee Oromiyaa hundarraa walitti babbahan waliin dhimmoota haala yeroo naannichaa ilaalchisee mari’anneerra. Walgahiin har’aa mariiwwan dhiyeenya kana naannichatti kutaalee hawaasaa garaagaraa waliin taasifamanitti kan fufeedha” jedhan.
Haaluma walfakkaatuun, Rakkoon nageenyaa naannoo Amaaraa mariin goolabamuu baannaan adda durummaan kan miidhamu ummatuma naannichaa ta’uu Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad hubachiisan.
Doktar Abiyyi tibbana bakka bu’oota godinaalee naannoo Amaaraa hunda keessaa dhufan waliin waajjirasaaniitti rakkoo naannichaa ilaalchisee Kibxata darbe marii bal’aa taasisaniiru. Bakka bu’ootni kunneen rakkoo nageenyaa, misoomaafi buqqa’iinsa mudate walqabsiisuun yaada bal’aa kaasaniiru.
Akka bakka bu’ootni kunneen jedhanitti, rakkoo nageenyaa qaamni Faannoo jedhee of waamu uumeen ba’anii galuun, qotanii haramachuun, dhukkubsatanii wal’aanamuun hamaa ta’eera. Lammiileen naannichaa naannolee biroorraa buqqa’an naannichatti rakkoo dinagdeefi hawaasummaaf saaxilamaniiru. Dhimmi misoomaas rakkoo naannichaa ta’uu bal’inaan kaasaniiru.
Doktar Abiyyi gaaffiilee bakka bu’ootni kunneen kaasaniif wayita deebii kennan, rakkoon nageenyaa madda komii rakkoolee biroo ta’e kun mariidhaan goolabamuu baannaan hundarra kan hubamu ummatuma naannichaa ta’uu eeranii ummatni Amaaraa rakkoo walxaxaa kana keessaa ba’uuf ijoolleesaa bosonatti galuun rakkoo uumaa jiran gara nagaatti deebisuuf akka carraaqu gaafataniiru.
Qaamolee amantiifi sabummaa da’oo godhatanii gochaafi jechaan biyya walnyaachisuuf ifaajaa jiran adaba qabsiisuuf seerri ba’uu eeranii; akka kana duraa lallabaafi siyaasaa waliin makaa kaayyoo amantaan ala daldalaa siyaasaa ta’uun akka hindanda’amne dubbataniiru.
Hannaafi rakkoo bulchiinsa gaarii ilaalchisees ofiisaaniis fedhii qarshii tokkollee biyya jalaa hatuu akka hinqabne eeranii, ta’us kanaan dura hattoota baasuuf koreen dhaabbatee sochiin eegalamus duulli keessaafi alaa taasifame waan jabaateef akka yaadame milkaa’uu hindandeenye. Namoota taayitaa da’eeffachuun rakkoo uumaa jiranirratti tarkaanfiin eegalame cimee ittifufa jedhan.
Mootummaa qaama seeraan hidhatee nagaa biyyattii booressaa jiru kamuu waliin yoo beenyaan barbaachisellee kaffaluun araaramuuf qophii ta’uu hubachiisanii; mootummaan waggaa lama booda kaardii filannoon qaama ummatni aangoo kennuu fedhu kamiifuu aangoo karaa nagaatiin gadilakkisuuf fedhii guutuu qabaachuu dubbatu. Qaama humnaan aangoo qabachuuf carraaqu kamiifuu garuu araarama akka hinqabnes ibsaniiru. Ummatni naannichaa ummata hubataafi qaroomaa ta’uu nageenya mirkaneessuun qabatamaan mul’isuu qabas jedhan.
Gaaffii misoomaa ilaalchisanii akka ibsanitti, naannichi naannoo kamuurra paarkiiwwan industirii afuriifi agroo industirii tokko qaba. Pirojektii guddichi Gorgoraa qarshii guddaan ittiba’e naannichatti argama. Daandiin kiiloomeetira kuma sadiis akkasuma jedhan.
Uwwisni tajaajila ibsaafi teelees daran dabalee jira. Warshaan simintoo omisha simintoo biyyattii %50 aguugu naannichumatti ijaarame eebbaaf qophiirra jira.
Namoota qe’eesaaniirraa buqqa’an qe’eetti deebisuuf mootummaan sochii eegalus daldaltoonni siyaasaa bu’aa siyaasaaf ummata burjaajjessuu himanii; ammas taanaan ejjennoon lammiilee naannawawwan adda addaarraa buqqa’an qe’eesaaniitti deebisuuf hojjetu ta’uu ibsaniiru. Gaaffiin daangaa naannolee Amaaraafi Tigraay gidduu jirus murtoo ummataatiin akka furamus dubbataniiru.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Guraandhala 16 Bara 2016
5 Comments to “Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad (PhD) bakka buutota ummattoota naannolee Oromiyaafi Amaaraa wajjin mari’atan”
Comments are closed.