Kaka’umsi hawaasaa milkaa’ina marichaaf abdachiisaadha

Finfinnee: Kaka’umsa hawaasni qabu milkaa’ina marii yaadameef abdachiisaa ta’uu Koomishiniin Marii Biyyaalessaa ibse. Sababa rakkoo nageenyaaf sochiin koomishinichaa naannoolee Amaaraafi Tigraayitti harkifachuus beeksiseera.

Komishinarri Koomishinichaa Doktar Yonaas Adaayyee Roobii darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka ibsanitti, kaka’umsi hawaasni qabu milkaa’ina marii biyyaalessaaf abadachiisaa ta’uu hubataniiru. Naannolee Sumaaleefi Oromiyaatti hojiin komishinichi xumuramaa jiru dabalatee hanga ammaatti hojiin komishinichaan boqonnaa kanatti hojjataman % 90 xumuramaniiru.

Akka ibsa isaaniitti, sababa walitti bu’iinsaan iyyi lamiilee hafee hundumtuu gara misoomaatti akka deebi’u fedhiin hawaasarraa mul’atu jajjabeessaadha. Komishinichis ergama itti kenname ariitiin raawwachuuf boqonnaa qophiirraa eegalee hojiiwwan bal’aa hojjeteera. Boqonnaa qophii keessatti biyyoota marii biyyaalessaan milkaa’an Tuuniziyaa, Sudaan Kibbaafi Afriikaa Kibbaarraa muuxannoon milkaa’inaafi rakkoolee keessa darbanii fudhatameera. Sadarkaa biyyaattis naannolee hunda waliin haala itti waliin hojjechuun danda’amu irratti mariin taasifameera.

Yunivarsitoota mootummaa waliin hojjechuuf walii mallatteessuu himanii; hirmaannaa hawaasa daayaasporaa mirkaneessuuf qaamaan mari’achiisuun cinatti toora interneetaa ‘Zoom’n marii bal’aan adeemsifamuu yaadachiisaniiru.

Boqonnaa raawwii hanga ammaatti jiruunis Finfinneefi Dirree Dhawaa, Naannoo Sidaamaa, Itoophiyaa Giddugaleessaa, Itoophiyaa Kibba Lixaa, Gaambeellaa, Beenishaangul Gumuz, Affaariifi Hararitti xumuramuu himanii; naannoo Sumaaleetti xumuramaa jiraachuu dubbataniiru.

Rakkoo nageenyaan walqabatee naannoo Amaaraafi Tigiraayitti akkasumas Oromiyaatti hojiin komishinichaa xumuramuu baatus “Abjuu sodaa hirriba malee hinbulan” jechuun cichoominaan hojjetamaa jirachuu ibsanii; naannoo Amaaraa godinaalee Walloofi Gondaritti boqonnaa qophiitti marii ummata waliin eegalee karaa irraa osoo jiruu walitti bu’iinsaan adda cituu yaadachiisaniiru.

Haa ta’uutii, qaamolee nageenyaa, mootummaafi paartilee siyaasaa morkattoota waliin ta’uun hojii adda cite fufsiisuuf hojjetamaa jira jedhanii; yeroo xumuramuttis ibsi kan kennamu ta’uu dubbataniiru. Yeroo ammaa Oromiyaatti hojiin namoota sadarkaa naannootti ajandaa marii dhiyeessan adda baasuu bal’inaan hojjetamaa akka jiruufi dhiyootti akka xumuramus ibsaniiru.

Raawwii duubatti harkifate qaamolee dhimmichi ilaalu waliin mari’achuun hojiiwwan hafan xumuruu, ajandaalee ijoo ta’an adda baasuu marii biyyaalessaa sadarkaa naannootti eegaaluufi sadarkaa biyyaalessaatti gaggeessuun xiyyeeffannoo komishinichaa fuulduraa ta’uus dubbataniiru.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 16 Bara 2016

Recommended For You

One Comment to “ Kaka’umsi hawaasaa milkaa’ina marichaaf abdachiisaadha”

Comments are closed.