“Hojiiwwan seenaa injifannoo Adawaa caalaatti ol kaasan hojjetamaa jiru” -Lij Daani’eel Jootee Masfin

Finfinnee: Mootummaan hojiiwwan seenaa injifannoo lola Adawaa kaleessaa caalaatti ibsaniifi mul’isan hojjechaa jiraachuu Pirezidaantiin Waldaa Gootota Itoophiyaa Lij Daani’eel Jootee Masfin ibsan.

Lij Daani’eel ibsa Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka jedhanitti, seenaafi seenessa daandii gadilakkiseen kanaan dura kabajni injifannoo Adwaa rakkoo keessa galee ture. Rakkoon kun yeroodhaa gara yerootti dabalaa dhufuun kabajni guyyichaa raayyaa ittisa biyyaan akka hogganamu taasifameera.

Haa ta’u malee, seenaa dhugaafi seenessa kaleessaa tooratti deebisuuf mootummaan hojiiwwan seenessa waloo cimsan hedduu hojjechaa jira jedhanii; keessattuu yaada Ministirri Muummee Doktar Abiyyi burqisiisaniin Godambaan Yaadannoo Injifannoo Lola Adwaa karaa guutuun ijaarame seenaa biyyattii caalaatti ibsuun dabalata gootota kaleessaa wareegamaniifi hirmaatan hundaaf beenyaa guddaa ta’uu ibsaniiru.

Injifannoon lola Adwaa hirmaannaa saboota hundaan ala kan yaadamu hin turre jedhanii; seenaan dhamaatiifi hirmaannaa saboota kunneenii ibsu karaa guutuun kaa’amuun seenaa waloo ittaanuuf riqicha jabaa ta’uu dubbataniiru. Kaleessa saboota gidduutti garaagarummaa uumuun biyyi hojjettee akka hin misoomne taasifamaa turus har’a garuu hojii tokkummaa mul’isan hedduun hojjetaman biyyaafi Afrikaarra darbee addunyaafuu fakkeenya ta’a jedhaniiru.

Akka isaan jedhanitti, Godambaan kun bu’uura seenaan karaa guutuun ijaaramuunsaa Itoophiyaanotaaf madda gammachuufi tokkummaa wayita ta’u diinotaaf ammoo gadda guddaadha jedhanii; mootonni biyyattii hanguma dhufanii darban seenaan maqa balleessiifi garaagarummaa bal’achaa deemuun diinotaaf karra banaa tureera. Tokkummaa abbootiin kaleessa ittiin beekaman dhaloota barsiisuun tasgabbii biyyaa itichuun dabalata miira tokkummaafi obbolummaa cimsa.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 16 Bara 2016

Recommended For You

5 Comments to “ “Hojiiwwan seenaa injifannoo Adawaa caalaatti ol kaasan hojjetamaa jiru” -Lij Daani’eel Jootee Masfin”

  1. Pingback: useful site
  2. Pingback: web sunwin

Comments are closed.