“Tattaaffiin rakkoolee nageenyaa naannolee Oromiyaafi Amaaraa  karaa nagaan furuu cimee ittifufa”-Obbo Addisuu Araggaa

  • Watajjii marii ummataa tibbanaarraa galtee guddaan argameera

Finfinnee: Mootuummaa tattaaffii rakkoolee nageenyaa naannolee Oromiyaafi Amaaraa karaa nagaatiin furuuf eegale cimsee ittifufa jechuun Ittigaafatamaan Damee Subqunnamtiifi Hariiroo Haajaa Alaa Paartii Badhaadhinaa Obbo Addisuu Araggaa ibsan. Waltajjiin marii ummataa tibbana taasifame egeree ejjannoo mootummaaf galtee guddaa ta’uus ibsa.

Obbo Addisuun waltajjii marii ummataa tibbanaa Hoggantoota Federaalaatiin Naannolee Amaaraafi Oromiyaatti taasifame ilaalchisee turtii Kamisa darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaa waliin taasisaniin paartichi wayita gara aangootti dhufu  gadadoo dhidhimsuun badhaadhina hundagaleessa mirkaneessuu, hariiroo dippiloomaasii finiinsuu, kabaja lammiilee mirkaneessuu, aadaa diimokraasii dagaagsuufi nageenya waaressuun kaayyoosaa ijoodha. Kana milkeessuufis galtee walitti qabachuuf waltajjii marii ummataa waliin bal’inaan taasisaa jirra jedhu.

Gaaffii ummatni waltajjii marichaarratti kaase keessaa waa’een nageenyaa dhimma ijoo ta’uu kan himan Obbo Addisuun; waraana Itoophiyaa Kaabaatti adeemsifame dabalatee mootummaan nageenya buusuuf daandii dheeraa imaluun akkuma mariidhaan goolabe rakkoo nageenyaa Oromiyaa keessa jiru furuufis marii marsaa 2ffaa Taanzaaniyaatti taasise yaadachiisaniiru. Ammas taanaan rakkoolee nageenyaa Oromiyaas ta’e Amaaraa bu’uura gaaffii ummataatiin mariidhaan furuuf carraaqqiin eegalame cimee ittifufa jedhaniiru.

Mariin filmaata jalqabaa ta’us olaantummaa seeraa kabachiisuun dirqama mootummaa waan ta’eef ammaan tana naannolee lamaanittuu oppireeshinii bal’aa taasifamaa jiruun bakkeewwan rakkoo nageenyaa hamaa jala turanitti sochiin idilee bakkatti deebi’uu dubbataniiru. Iddoowwan ammas rakkoon nageenyaa ittimul’atu jiraachuus eeraniiru.

Nageenya buusuun fedhii mootummaa qofa osoo hintaane fedhii qaamolee hidhatanii nageenya booressaniis gaafata kan jedhan Obbo Addisuun; hunda ol garuu mootummaan jalqabumayyuu dirreen dimokraasii akka bal’atu jaarmiyaalee siyaasaa biyya hambaatti baqatan gara biyyaatti galchuu qofa osoo hintaane hanga mana mareetti aangoo siyaasaa akka argatan taasisuu yaadachiisaniiru.

“Gaaffii ummatni hadheeffatee kaase keessaa tokko qaala’iinsa jireenyaati. Itoophiyaanis dinagdee addunyaa dhibeen koronaafi waraanni Raashiyaafi Yuukireen daran hube keessatti argamti. Ammaan tana ammoo uggara hidhattoonni Galaana Diimaarratti taasisaa jiran hubaatii dinagdee addunyaaf sababa biroo ta’ee jira. Qaala’iinsa jireenyaa rakkoolee kunneeniin hammaataa jiru maqsuuf mootummaan omishaafi omishtummaa dabaluuf inisheetiiviwwan garagaraa diriirsee hojjechuun maddiitti sirna gabaarratti hordoffii cimaa taasisuuf hojii bal’aa hojjechaa jira”  jechuunis ibsaniiru.

Rakkoon kenniinsa tajaajilaafi hojidhabdummaan walqabatu ilaalchisees akka jedhanitti, hoggansaafi hojjetaa tajaajila kennuurratti rakkoo qabu sirreessuuf gubbaa hanga gadiitti hojii bal’aan hojetamuufi kan ittifufu ta’a. Tajaajilawwan amalasaanii tuttuqaa namaarraa bilisa taasisuu fedhan ammoo dijitaalessuuf hojii bal’aan ni hojjetama. Rakko hoji dhabdummaa furuuf qabeenya uumamaa jiru daguuganii fayyadamuun carraa hojii uumuurratti sochii bal’aan ni taasifama.

Paartichi filannoo waggaa lamaafi walakkaa hincaalle isa hafe ilaalcha keessa galchuun wayita raawwii hojiisaa ilaalu daran milkeessuuf ammayyuu hojimaneen hafe bal’aa ta’uu hubachuu  himanii; biyyi qabeenya uumamaatiin badhaatuu taatetti seenessi qeenxeefi aadaan afaan qawweetiin aangoo qabachuu hiddafageeffachuu kan ka’e maraammartoo waraanaa keessa turuuf dirqamuushee ibsaniiru.

Akka isaan jedhanitti, marii taasifameen biyya kana dimokraatessuuf jaarmiyaalee walabaa kanneen akka Boordii Filannoo, Komishinii Mirga Namoomaafaa hundeessuu akkasumas ummatni kutannoo Paartiin Badhaadhinaa walabummaa miidiyaafi yaadaatiif qabu hubachuutti dabalee waliigalteerras ga’ameera. Afaan qawweetiin aangootti dhufuun biyyaafis ta’e ummataaf balaa guddaa ta’uuisn hubatameera.

Gaaffiilee ummata biraa ka’an karaa guutuun deebisuufis ta’e seenessa qeenxee waldhabbiif ka’umsa ta’u maqsuun seenessa waloo kanneen akka hidha Laga Abbayyaa, ashaaraa magariisaa, misooma qamadii, maaddii biyyaa, Godambaa Yaadannoo Injifannoo Adwaafaa maqaa Itoophiyaanota hunda ol kaasu hojjechuun ittifufa jedhanii; qaamolee daangaa seeraa darbuun seenessa waloo cilee dibuun biyya gara diigumsaatti oofuu fedhanirratti tarkaanfiin seeraa kan fudhatamu ta’uu hubachiisaniiru.

Waaqshuum Fiqaaduu

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 9 Bara 2016

Recommended For You

5 Comments to ““Tattaaffiin rakkoolee nageenyaa naannolee Oromiyaafi Amaaraa  karaa nagaan furuu cimee ittifufa”-Obbo Addisuu Araggaa”

  1. Pingback: blote tieten
  2. Pingback: Volnewmer
  3. Pingback: fox888

Comments are closed.