- Fooramiin Walta’iinsa Magaalota Itoophiyaa har’arraa eegalee Walaayittaa Sooddootti adeemsifama
Walaayittaa Sooddoo: Bulchiinsi Godina Walaayittaa hawaasaafi qaamolee nageenyaa waliin hojjechaa waan jiruuf nageenyi amansiisaan jiraachuufi namni kamuu sa’aatii 24:00 socho’uu akka danda’u bulchaan godinichaa Obbo Saamu’eel Folaa.
Fooramiin Walta’iinsa Magaalota Itoophiyaa har’arraa eegalee hanga Guraandhala 15 bara 2016tti magaalaa guddoo godinichaa, Walaayittaa Sooddootti adeemsifamuufis qophii gahaan taasifamuu ibsan.
Obbo Saamu’eel ibsa dhiyeenya kana garee gaazexeessitoota Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka jedhanitti, Godinni Walaayittaa bara 2013 yaaddoo nageenyaa keessa ture. Ergasii as hojii bulchiinsi, hawaasniifi qaamoleen nageenyaa godinichaa eegsisuuf raawwataa turaniin yeroo ammaa godinichi yaaddoo nageenyaa keessaa ba’uufi gandoonni 153 yaaddoo yakkaarraa bilisa ta’aniiru.
Godinni Walaayittaa yeroo ammaa rakkoo nageenyaafi yaaddoo yakkaa jalaa ba’ee godina nageenyi amansiisaan keessa jiru ta’eera kan jedhan Obbo Saamu’eel, haalli nageenya magaalaa guddittii godinichaafi Naannoo Itoophiyaa Kibbaa Walaayittaa Sooddoos sadarkaa amansiisarra jiraachuu himaniiru.
Fooramiin Walta’iinsa Magaalota Itoophiyaa har’arraa kaasee hanga Guraandhala 15 bara 2016tti Magaalaa Walaayittaa Sooddootti kan adeemsifamu ta’uu himanii, magaalonni biyyattii 160 ol, dhaabbileen mootummaafi mitmootummaa 20 ol biyya keessaafi alaa akkasumas keessummoonni kuma 20 caalan fooramicharratti waan argamaniif hojiin nageenya magaalattii mirkaneessuu xiyyeeffannaa addaatiin hojjetamuu eeraniiru.
Fooramichi qindoomina Ministeera Magaalaafi Bu’uuraalee Misoomaa, Naannoo Itoophiyaa Kibbaa, Godina Walaayittaafi Magaalaa Walaayittaa Soodootiin qophaa’uu himaniiru.
Nageenya waaraa mirkaneessuun, rakkoo bulchiinsa gaarii furuun, kenniinsa tajaajilaa fooyyessuun, hojdhabdummaafi qaala’ina gatii hir’isuun hojiilee gurguddoo bulchiinsi godinichaa xiyyeeffannaa addaatiin irratti hojjechaa jiru ta’uu himanii, nageenya waaraa mirkaneessuun rakkoolee ummataa gama hawaasummaa, dinagdeefi siyaasaatiin mul’atan furuu keessatti gahee olaanaa waan qabuuf xiyyeeffannaa olaanaadhaan irratti hojjetamaa turuufi jiraachuu himaniiru.
Qaala’inni jireenyaa rakkoo addunyaas ta’e biyyattii mudatee jiru ta’uu himanii, godinichatti rakkoo qaala’ina jireenyaafi gatii furuuf omishaafi omishtummaa qonnaa guddisuurratti xiyyeeffatanii hojjechaa jiraachuu himaniiru.
Rakkoo bulchiinsa gaarii furuudhaaf karoora yeroo gabaabaa, giddugaleessaafi dheeraa qabatanii hojjechaa jiraachuu himanii, komii ummataa bu’uraalee misoomaa kanneen akka daandii, ibsaafi bishaan dhugaatii qulqulluun walqabatanii mul’atan furuuf pirojektoonni gara garaa magaalaattis ta’e baadiyyaatti hojjetamaa jiru. Uwwisa bishaan dhugaatii qulqulluu magaalaatti %68 baadiyyaatti ammoo %41.5 irra jiru guddisuufis hojjechaa jiraachuu himaniiru.
Tajaajilli ibsaa baadiyyaatti hanqina guddaa kan qabu ta’uu himanii, fedhiifi dhiyeessi elektirikii akka walsimuuf hojiin sarara ibsaa diriirsuu baadiyyaatti bal’inaan raawwatamaa jiraachuu himaniiru.
Rakkoo hojdhabdummaa dargaggootaa godinichaa furuuf invastimantii babal’isuurratti xiyyeeffatanii hojjechaa jiraachuu himanii, invastaroota gara hojiitti galuuf jedhaniifi hojiirra jiran jajjabeessuun akkuma jirutti ta’ee kanneen lafa fudhatanii utuu hinmisoomsin dallaa itti ijaaranii taa’anirratti ammoo tarkaanfiin cimaan fudhatamaa jiraachuus eeraniiru.
Magaalaa Walaayittaa Sooddootti Qindeessaan Yuunitii Babal’ina Invastimantii Obbo Firahiwat Waldamasqal gamasaaniin akka jedhanitti, yeroo ammaa magaalattiitti sochii misooma invastimanitii olaanaatu jira. Bulchiinsi magaalattii hundaa ol hojii nageenya mirkaneessurratti xiyyeeffatee hojjetaa jira.
Nageenyi mirkanaa’aan jiraachuun hojii invastimantiifis ta’e hojiilee misoomaa biroof daran murteessaa waan ta’eef dhimma dursi kennameefii irratti hojjetamaa jiru ta’uu himanii, hojichi qindoomina qaamolee nageenyaafi jiraatota magaalattiitiin raawwatamaa akka jiru dubbaniiru.
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Guraandhala 9 Bara 2016
5 Comments to ““Godinni Walaayittaa yaaddoo nageenyaa jalaa ba’ee iddoo nageenyi amansiisaan keessa jiru ta’eera” -Obbo Saamu’eel Folaa (Bulchaa godinichaa)”
Comments are closed.