Sandaafaa Bakkee: Shoora fardeen injifannoo lola Adwaarratti taphatan dhalootaa dhalootatti ce’uu akka qabu Himaattonni Feestivaala Gugsii Fardaa Oromiyaa 3ffaa Amajjii 25-26 bara 2016 Magaalaa Sandaafaa Bakkeerratti hirmaatan ibsan.
Afyaa’ii Ittaanaan Caffee Oromiyaa Obbo Eliyaas Ummataa akka jedhanitti sirnoota darban keessatti aadaafi duudhaa hawaasaa bade bakkatti deebisuuf mootummaan xiyyeeffannaan hojjetaa jira. Feestivaalichi walittidhufeenya Oromoon farda waliin qabu ibsuun cinatti gahee fardeen injifannoo lola Adwaa keessatti taphatan dhalootatti dabarsuuf kan kaayyeffatedha. Madda hawwata turiizimii taasisuun galii argachuufis shoora guddaa qaba.
Kantiibaan Magaalaa Sandaafaa Bakkee Obbo Alamaayyoo Tonkoluu gamasaaniin, gumaatni fardi yeroo gammachuu, gaddaa akkasumas lola keessatti qabu olaanaadha. Keessumaa diddaa weerara Xaaliyaanii bara 1928-1933tti ture keessatti ijnjifannoon galmaa’e farda malee hinyaadamu ture. Kanaaf Oromoon “Jimaa Sanbatee Boora kaachisee Leenca Xaaliyanii ijibbaachise” jechuun shoora fardi lolicha keessatti qabu kan ibseef.
Abbaan Gadaa Tuulamaa Goobana Hoolaa duudhaafi aadaa sabichaa bakkatti deebisuuf hojiin hojjetamaa jiru gaarii ta’uu himanii; gara fuulduraatti kabaji Oromoon fardaaf qabu gad bu’aa dhufe fooyya’uu qaba jedhaniiru. Fuulduratti fardi akka gaarii hinharkifne taasisuufi nyaata fardaa fooyya’aan qorannoon adda ba’ee hawaasaaf ifa akka ta’us gaafataniiru.
Ittigaafatamtuun Waajjira Aadaafi Turiizimii Godina Shawaa Kaabaa Aadde Meeroon Mokonninis akka jedhanitti, wayita gootonni Adwaa eeraman seenaan fardeen Oromoo yoomuu hin dagatamu. Feestivaalichis seenaa ferdeen naannawichaa yaadachiisuuf Sandaafaatti kabajame. Madda hawwata turiizimii taasisuufis Fulbaana bara 2016 irraa eegalee tumaan seeraa ba’e hojiirra ooluu hubachiisaniiru.
Yunivarsitii Adwaa Paan Afrikaarraa Obbo Simee Gaarradoo wayita gumaata fardaa ibsan, fardi Oromoof beeyilada qofa osoo hintaane akka dhalaatti mararfatama. Fardi lolaaf, gaddaafi gammachuurratti jiruufi jireenya Oromoo waliin hidhata guddaa qaba.
Injifannoo Adwaarratti fardeen hedduun guddugala Itoophiyaarraa hirmaatan. Kanaaf, fardi kunuunsi taasifameefii kabajiifi gumaachi injifannoo Adwaa keessatti qaban dhalootatti akka darbuufi tumaan seeraa ba’eefi feestivaalli gugsii fardaa cimee ittifufuu qabas jedhan.
Leenjisaa Ittaanaa Kilabii Beekaa Fardaa Obbo Taganuu Araarsaa namoota leenjii barbaadaniif leenjii gugsii fardaa kennaa jiraachuu himanii; leenjii kilabii isaaniin kennamaa jirus seenaafi duudhaa fardaa deebisuuf gumaacha olaanaa qaba jedhan.
Ijoollee kilabichatti leenji’aa turan keessaa dorgommii gugsii fardaa ‘all Africa’ kan umurii 18 gadii Aljeeriyaatti qophaa’erratti hirmaachuun 1ffaa ba’e Faxxanaa Nugusuu poteenshaalli gugsii fardaa naannawichaa olaanaa waan ta’eef cimee ittifufuu akka qabu dubbata.
Gammachuu Kadiriin
BARIISAA SANBATAA Guraandhala 2 Bara 2016
4 Comments to “ Shoorri fardeenii injifannoo lola Adwaarratti ture dhalootatti ce’uu qaba”
Comments are closed.