Nageenya naannichaa waaressuuf tumsi ummataa cimee akka ittifufu gaafatame

Finfinnee: Nageenya Naannoo Amaaraa waaressuuf hawaasni tumsa taasisu cimsee akka ittifufu Biiroon Kominikeeshinii naannichaa waamicha dhiyeesse.

Hogganaan biirichaa Doktar Mangashaa Faantaawu Roobii darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka ibsanitti, yeroo ammaa nageenyi naannichaa haala gaariirra jiraatus hojiin nageenya waaressuu tumsa hawaasa bal’aa gaafata. Marii tibbana hawaasa bal’aa naannichaa waliin taasifameen fixaaleyyiin hidhannoon socho’aa jiran nama danquun qarshii humnaa olii akka gaafataniifi saamicha mana namootaarratti adeemsisaa jiraachuu hawaasni akka yaaddootti kaaseera.

Qaamni kun bakkeewwan tokko tokkotti ummatni misooma idileesaa akka hinadeemsifanne rakkoo uumuun dabalata fucha argatetti xaa’oo ugguruun ummata hiraarsuurratti fuulleffateera. Ta’us ummatni naannichaa waan nageenya fedhuuf tumsa tasgabbii nageenyaa taasiseen wantootni baay’een gara idileetti deebi’uu hubachiisaniiru.

Qaamni badii kun kanaan dura naannicha dhuunfachuun gara jabeenyaan hoggansa mootummaa naannichaa ajjeesuun dabalata badii lubbuufi mancaatii qabeenya hedduu dhaqqabsiiseera. Naannichatti alseerummaa dagaagsuun sochiin hawaas dinagdee akka laamsha’u taasiseera. Qaala’iinsi gatii akka biyyaatti jiru naannichatti daran akka hammaatu gahee guddaa taphachuus ibsaniiru,

Marii hawaasa waliin taasifameen hojii olaantummaa seeraa kabachiisuun jijjiiramni argame olaanaa ta’uu hubatamuu himanii; qaama karaa nagaatiin deebi’uuf karri banaa ta’uun akkuma jirutti ta’ee, isa alseerummaa kaleessaa deebisuuf wixxirfaturratti tarkaanfiin seeraa cimee kan ittifufu ta’uus yaadachiisaniiru.

Lammiilee naannichaa sababa shira siyaasaatiin naannolee adda addaarraa buqqa’an qe’eesaaniitti deebisuuf naannolee waliin sochii qindaa’aan taasifamaa jiraachuu kaasanii; mootummaan kutannoon hojjennaan lammiileen kunneen yeroo dhiyoo keessatti qe’eesaaniitti akka deebi’an amantaa guutuu qabaachuu ibsaniiru.

Bu’uuraalee misoomaa ilaalchisee ummatni naannichaa komiifi gaaffii hedduu kaasuu yaadachiisanii; gaaffiileen kunneen sadarkaa itti furamaniifi ulfaatinasaaniin adda baasuun yeroo dhiyoofi gabaabaa keessatti sadarkaa federaalaafi naannootti furuuf sochiin kan taasifamu ta’uu dubbataniiru.

Hundaa ol eeyyama ummataatiin sochiin humnaan aangoo qabachuuf taasifamu herrega kamiinuu hinmilkaa’u jedhanii; mootummaanis seera kabachiisuuf dirqameetu malee nageenya waaraaf filannoonsaa karaa nagaafi nagaa qofa ta’uu hubachiisaniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 2 Bara 2016

Recommended For You

6 Comments to “ Nageenya naannichaa waaressuuf tumsi ummataa cimee akka ittifufu gaafatame”

  1. Pingback: ruay
  2. Pingback: slot gacor
  3. Pingback: fake advertising
  4. Pingback: herbal supplements

Comments are closed.