Finfinnee: Itoophiyaan miseensa garee ‘BIRCS’ ta’uun warra lixaa dheessuuf akka hintaane Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti miseensi Koree Dhaabbii Hariiroo Alaafi Nageenyaa Ambaasaaddar Diinaa Muftii ibsan.
Haala sochii hariiroo dippiloomaasii Itoophiyaarratti ibsa Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad Kibxata darbe miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatiif kennan ilaalchisee Ambaasaaddar Diinaan Kamisa darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaa waliin turtii taasisaniiru.
Doktar Abiyyi hariiroon dippiloomaasii Itoophiyaa fedhii biyyaalessaa jirurratti kan hundaa’u ta’uu himanii; ‘BIRCS’tti makamuun Itoophiyaa biyyoota lixaarraa dheessuun gara biyyoota bahaatti baqachuu osoo hintaane gartuuwwan lameen waliin hojjechuuf fedhii jiru mal’isuuf ta’uu ibsaniiru. Hariiroo Itoophiyaan biyyoota lixaa waliin qabdu cimee akka ittifufus eeraniiru.
Ambaasaaddar Diinaanis yaaduma kana cimsuun, ‘BIRCS’tti makamuun Itooophiyaa gama daldalaa, investimantiifi qabeenya jiru bakka tokkoo bakka biraatti socho’e bu’aa barbaadame argachuuf carraa kan uumu ta’uu ibsaniiru.
Jaarraa ammaa kana keessa addunyaan garee tokko qofatti of hidhee garee biraa kan balaaleffatu miti jedhanii; imaammatni dhimma alaa Itoophiyaas bu’aa biyyaalessaa yaadame milkeessuuf dippilomaasii hunda galeessa hojiitti hiikuu ifatti kaa’eera. Itoophiyaan bu’aa siyaasaa, hawaasummaa, dinagdeefi nageenyaa gonfachuuf bu’uura fedhiisheen biyya feete waliin adeemsisuu akka dandeessu dubbataniiru.
Akka isaan jedhanitti, biyyootni addunyaa bu’aa biyyaalessaa mataasaaniirraa ka’uun dippilomaasii biyya biraa waliin uummatu. Kan Itoophiyaas kanarraa adda miti. Minseensa garee ‘BRICS’ ta’uunis kanumarraa madde. Gaaffii ulaa galaanaa milkeessuufis ta’e tokkummaa biyyoota Gaanfa Afrikaa cimsuuf garichatti makamuun bu’aa malee miidhaa hinqabu.
Kana malees, Itoophiyaan biyyoota Afrikaa qabeenya bal’aa qaban keessaa tokko. Biyyattiin ummata miliyoona 120, lafa bal’aafi argama siyaasaa (‘geopolitics’) tarsiimawaa qabduun miseensa ‘BIRCS’tti makamuun daran ishee fayyada. Kunis qabeenya uumamaa kanneen akka lafa qonnaafi albuudota hanga ammaatti guddina dinagdeef hinoolle misoomsuurratti miseensa garichaa ta’uun hiikaa mataasaa akka qabu ibsaniiru.
Yeroo ammaa addunyaan sirna garee tokko (‘unipolar’) irraa gara giddugaleessaatti (‘multipolar’) deemaa waan jiruuf Itoophiyaanis otoo adda addummaa tokkollee hin uumin bu’aa biyyaalessaashee eeggachuun hunda waliin qajeeltoo kennanii fudhachuun ittifufti jedhan.
Gammachuu Kadiriin
BARIISAA SANBATAA Guraandhala 2 Bara 2016
4 Comments to “ “Itoophiyaan ‘BIRCS’tti makamuun warra lixaa dheessuuf miti” – Ambaasaaddar Diinaa Muftii”
Comments are closed.