“Idaan Itoophiyaan kaffalte egeree dinagdeesheetiif carraa guddaadha” – Hayyuu dinagdee

Finfinnee: Waggoota shanan darbanitti idaa doolaara biliyoona 9.9 ofirraa kaffaluun Itoophiyaa egeree guddina dinagdeesheef carraa guddaa ta’uu Hayyuun Dinagdee ibsan.

Hayyuun Dinagdee Yunivarsiitii Haramaayaa Doktar Fireezar Xilaahun ibsa kaleessa Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka jedhanitti, liqiin liqeeffatamu qixa sirriin yoo hogganame biyyoota guddina dinagdee galmeessisaa jiran akka Itoophiyaaf carraa guddaadha. Faallaa kanaan yoo xiyyeeffannoo argachuu baate rakkoo dhalootatti darbuudha.

Itoophiyaan bara 2011 hanga 2015 idaa liqii doolaara Ameerikaa biliyoona 9.9 kaffaluunshee guddina dinagdee galmeessisaa jirtu daran saffisiisa jedhanii; Ta’us bu’aaqabeessummaan idaa kaffalamee akkaataa biyyattiin ittikaffalteerratti akka hundaa’u ibsaniiru.

Kunis biyya tokkorraa liqeeffachuun idaa biyya biroo kaffaluu yoo ta’e yeroof malee bu’aa waaraa akka hinqabne hubachiisaniiru.

Amanamummaa, bilisummaa dinagdeefi birmadummaa biyya ofiif liqii ofirraa kaffaluun faayidaa guddaa qaba kan jedhan Doktar Fireezar; liqii Itoophiyaan waggoota shanan darban kaffalte hanga dandeettii liqii deebisuushii waan mul’isuuf fuulduratti biyyootaafi dhaabbilee idiladdunyaarraa liqii argachuu akka ishee dandeessisu ibsaniiru.

Bara 2011 hanga 2015tti biyyattiin liqii bizinasii (‘Commercial Loan’) fudhachuu dhiisuunshee waan jajjabeeffamuu qabuudha kan jedhan Doktar Fireezar; liqiin akkanaa birmadummaafi iccitii biyyaarratti dhiibbaa mataasaa qabaachuu dubbataniiru.

Mootummaan jijjiiramaa liqii dhibbantaa omisha biyya keessaa waggaa (‘GDP’) keessaa 32 irra ture gara dhibbantaa 17tti xiqqeessuun milkaa’ina guddaa ta’uu eeranii; Itoophiyaatti waggoota shanan darbanitti guddinni dinagdee qabatamaadhaan jiraachuus kaasaniiru.

Karoora hir’isa idaa gara dhibbantaa 10tti xiqqeessuuf qabame milkeessuuf mootummaan baasiifi galii walmadaalchisuu akka qabu dhaamanii; baasiin ba’us hojiilee misoomaa fiixaan baasuuf ooluu akka qabu dubbataniiru.

Idaa biyyaa kan kaffalu biyya malee mootummaa ykn paartii waan hintaaneef idaan walqabatee maaltu akka hojjetamaa jiru mootummaan yeroo yerootti lammiilee beeksisuun barbaachisaa ta’uu himaniiru.

Biyyootni liqeessitoota maallaqaa Itoophiyaaf doolaara Ameerikaa biliyoona 1.5 yeroo kaffaltii dheeressuusaanii yaadachiisanii; kunis guddina dinagdee biyyattiif carraa gaarii ta’uu ibsaniiru.

Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad Kibxata darbe gaaffii miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataarraa dhiyaateefiif wayita ibsa kennanitti, oggaa gara aangootti dhufan idaan Itoophiyaa dhibbantaa 32 irra akka ture, ammaan tana dhibbantaa 17 irra akka jiruufi fuulduratti ammoo dhibbantaa 10 gaditti xiqqeessuuf hojjetaa jiraachuu ibsuunsaanii ni yaadatama.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 2 Bara 2016

Recommended For You

4 Comments to “ “Idaan Itoophiyaan kaffalte egeree dinagdeesheetiif carraa guddaadha” – Hayyuu dinagdee”

  1. Pingback: eduzz site oficial
  2. Pingback: harem77
  3. Pingback: situs togel online

Comments are closed.