“Dhiibbaa biyyoota alaa injifachuuf rakkoo keessoo furuurratti xiyyeeffachuun barbaachisaadha” -Pirofeesara Gargaaraa Adam Kaamil

Finfinnee: Gaaffii ulaa galaanaa Itoophiyaa gufachiisuuf dhiibbaa biyyootni alaa taasisaa jiran injifachuuf waldhabbii keessoo furuun barbaachisaa ta’uu Qorataan Hariiroo Itoophiyaafi Biyyoota Arabaa Pirofeesara Gargaaraa Adam Kaamil ibsan.

Hayyuun kun Kamisa darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka ibsanitti, Eertiraan Itoophiyaarraa foxxoqxee Itoophiyaan ulaa galaanaa malee waggoota 30f akka turte gochuu keessatti gaheen Gibxi olaanaadha. Qondaalli siyaasaa biyyattii yeroosii Buturoos Buturoos Gaalii Eertiraan fedhii ummata biyyattii malee Itoophiyaarraa akka adda baatuuf akka Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti shirri dalage seenaa keessatti kan dagatamu miti. Har’as taanaan Itoophiyaan ulaa galaanaa biyyoota ollaashee akka hinfayyadamneef shirri karaa Liigii Arabaa xaxaa jirtu daran hamaadha.

Itoophiyaan buufata doonii Aduuliis Aksumitti argamu fayyadamuun mootii Galaana Diimaa ta’uun biyyoota hedduu waliin hariiroo daldalaa cimaa qabaachaa turuushee yaadachiisanii; kanatti hinaafaa kan turte Gibxi har’a Itoophiyaan Galaana Diimaarraa qooda akka hinfudhatne ciniinnattee hojjetaa akka jirtu hubachiisaniiru. Buufatni doonii Asab seenaan qaama naannoo Affaar akka turellee yaadachiisaniiru.

Akka isaan jedhanitti, Gibxi sadarkaa biyyoota ollaa Itoophiyaa hunda jedhamuun miseensa Liigii Arabaa olaantummaan sochooftu taasisteerti. Waliigaltee ulaa galaanaa Itoophiyaafi Sumaaleelaandi mallatteessan Somaaliyaarra quuqamtuu ta’uun kan ibsa mormii baase Gibxi. Duula karaa tokkoonis ta’e karaa biroon Itoophiyaarratti taasifamu duubaa harki Gibxi hindhabamtu. Kun ammoo Itoophiyaan akka biyya dadhabduu taatu hawwuurraa madda.

Gibxii waraanaan Itoophiyaa jilbeeffachiisuuf bara 1776 akkasumas bara 1875 yaalii waraanaa taasifteen adabamtee deebi’uu yaadachiisanii; yeroo ammaa garuu dhiibbaa dippiloomaasii kallattiin taasiftu cinatti miidiyaalee 4000 qabdu hundaan akkasumas gaazeexessitoota 42 addatti bobbaasuun olola Itoophiyaarratti oofaa akka jirtu dubbataniiru.

Akka dhiibbaa taasifamuu Itoophiyaan waltajjii addunyaarratti bakka hinqabdu turte kan jedhan hayyuun kun; ta’us biyya seenaafi muuxannoo dheeraa qabdu ta’uusheetiin milkaa’ina  dhageettiishee addunyaarratti dabalan hedduu gonfachaa akka jirtu himaniiru.

Milkaa’ina dhabuufi kufaatiif waldhabbiin keessoo dhiibbaa alaa harka hedduu waan caaluuf tokkummaafi walhubannaarratti xiyyeeffannoo addaatiin hojjetamuu akka qabu dhaamanii; akkuma dhiibbaa kaleessa ture dandamachuun injifannoo boonsaan galmaa’e, har’as injifannoo caaluuf garaagarummaa jiru mariidhaan goolabuun dhiibbaa alaa dura waloodhaan dhaabbachuun barbaachisaa ta’uu hubachiisaniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 2 Bara 2016

Recommended For You

4 Comments to ““Dhiibbaa biyyoota alaa injifachuuf rakkoo keessoo furuurratti xiyyeeffachuun barbaachisaadha” -Pirofeesara Gargaaraa Adam Kaamil”

  1. Pingback: พอต

Comments are closed.