“Dhaloota Adwaa qofa osoo hintaane dhalootni har’aas seenaa hojjetaa jira” – Dachaasaa Abbabaa (PhD) hayyuu seenaa

Finfinnee: Dhaloota injifannoo Adwaa qofa osoo hintaane dhalootni har’aas injifannoo galmeessaa jiraachuu Yuunivarsiitii Finfinneetti Hayyuun seenaa Doktar Dachaasaa Abbabaa ibsan.

Doktar Dachaasaan Roobii darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka ibsanitti, dhalootni kaleessaa birmadummaa biyyasaaf jecha lubbuusaa osoo hinmararfatin kiiloomeetira kuma tokkoo ol imaluun diina hanga funyaaniitti hidhate qolachuun seenaa boonsaa hojjeteera. Dhalootni har’aas wareegama yeroon gaafatu hunda kaffaluun birmadummaa biyyaa ittifufsiisaa jira. Kanaafuu, rakkooleen xixiqqaan jiraatanis dhalootni har’aa dhaloota nama boonsu yoo ta’e malee madaala kamiinuu kan nama qaanessu miti.

Akkuma injifannoon Adwaa utubaa hundaan hundaaf dhaabbate ta’e hidhi Laga Abbayyaas utubaafi ashaaraa waloo dhaloota har’aati jedhanii, kaleessa ummata biyyattii haphee ta’ee kan walitti qabsiise injifannoo Adwaa akkuma ta’e har’a keenyaaf haphee hidha Laga Abbayyaa ta’uu ibsaniiru.

Injifannoon lola Adwaa bu’aa sabaafi sablammootaa qofa osoo hintaane garaagarummaa amantaa, korniyaafi umurii malee firii hirmaannaa hawaasa sadarkaan jiru ta’uu himanii; galmeessi seenaa dhugaa qabatamaa ture ibsuu baatus injifannoo lola Adwaaf hawaasni hingumaachine akka hinjirre hubachiisaniiru. Haalli injifannoo Adwaa itti katabamaa ture seenaa dabsuuf qofa osoo hintaane gumaata gaggeessitootaa arbeessuurratti kan xiyyeeffate ta’uus ibsaniiru.

Namootni biyya hogganan taatee seenaa gara ofiitti qofa harkisuu mudannoo Itoophiyaa qofa osoo hintaane taatee seenaa biyyoota hedduu ta’uu himanii; haa ta’u malee, taatee ofitti harkisuun kun ammoo boora’uu seenaa dhaqqabsiisuun waldhabbiif sababa ta’uu eeraniiru.

Akka isaan jedhanitti, lola Adwaarratti hirmaannaa saboota hundaa qofa osoo hintaane kan beeyiladootaayyuu olaanaadha. Kaan kallattiin lolicharratti hirmaachuun, kaan galaafi meeshaalee waraanaa baachuun kaan uumaa kadhachuun kaan ammoo biyya eeguun hirmaate. Lolarratti wareegamuun walqabatee gaddi mana namoota baay’ee waan seeneef aadaan waljajjabeessuu ture mataansaa seenaa keessatti haala addaan ibsameera jedhan.

Haa ta’uutii, dhalootni har’aa seenaa boonsaa mataasaa hojjechuu cinatti seenaan kaleessaa dhugummaasaa bu’uureffatee dhaloota ittaanuuf akka darbuuf Godambaa Injifannoo Lola Adwaa mul’isu ijaaruu kaasanii; Godambichi kootaa osoo hintaane qabatamaan hirmaannaafi gumaata hawaasa sadarkaan jiru kan mul’isu ta’uus dubbataniiru. Haala kanaan seenaa waloo mul’isuun tokkummaa cimsuun ala miira abbummaas akka dagaagsu hubachiisaniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 2 Bara 2016

Recommended For You

2 Comments to “ “Dhaloota Adwaa qofa osoo hintaane dhalootni har’aas seenaa hojjetaa jira” – Dachaasaa Abbabaa (PhD) hayyuu seenaa”

  1. Pingback: Source

Comments are closed.