Abbootii qabeenyaa maxxansa kitaabilee barnootaarratti bobbaasuuf sochiin eegalame

  • Duula “Barnootni Dhalootaaf” jedhuun hojiin barnootaa qarshii biliyoona 21.9 ta’u hojjetame

Finfinnee: Hanqina kitaabilee mudate furuuf abbootii qabeenyaa maxxansa kitaabilee barnootaarratti hirmaachisuuf sochiin eegalamuu Ministeerri Barnootaa beeksise. Hojiin misooma barnootaa qarshii biliyoona 21.9 ta’u hirmaannaa ummataan hojjetamuunis ibsame.

Ministirri Barnootaa Pirofeesar Biraanuu Naggaa ibsa Kamisa darbe miidiyaaleef kennaniin akka jedhanitti, marsaa duraatiin kitaabilee miliyoona 20 reeshoo kitaaba tokko barataa afur ga’uun hanga Sadaasaatti barattoota sadarkaa 2ffaaf raabsuun danda’ameera. Marsaa 2ffaanis  kitaabilee  miliyoona 20 kan reeshoo kitaaba tokko barataa lamatti xiqqeessuuf ta’u hanga baatii Caamsaatti raabsuuf qophiin xumurameera. Kitaabilee kunneen marsaa lamaan maxxansisuuf doolaarri Ameerikaa miliyoona 40n baasii ta’eera.

Haa ta’u malee, haqina kitaabaa kana guutummaatti furuuf baasii doolaara Ameerikaa miliyoona 95 kan gaafatu ta’uufi kun ammoo haala biyyattiin keessa jirtuun akka ulfaatu ibsanii; kitaabilee kunneen biyya keessatti bal’inaan maxxansiisuuf abbootii qabeenyaa waliin mariin taasifameera. Bara dhufurraa kaasee abbootiin qabeenyaa kunneen hojii ijaarsa mana maxxansaas akka eegalan hubachiisaniiru.

Kitaabilee barnootaa sadarkaa jalqabaa maxxansanii barataaf raabsuun aangoo naannolee ta’uu eeranii; naannoleen tokko tokko dursanii qophii taasisuun hanqinicha hanga tokko furanis kanneen ammayyuu rakkoo keessa jiran jiraachuu dubbataniiru. Ministeerichi manneen barnootaa moodeela ta’an 50 ijaaruuf karoorfatee hanga tokko yoo xumuru barana ammoo manneen barnootaa 16 dhaabbilee gargaarsaa waliin ijaarsasaanii eegalamuu ibsaniiru.

Xiyyeeffannaa qulqullina barnootaatiif kennameen qormaatni cimuu, walittibu’iinsaafi hongeedhaan hanga tokko baay’inni barataa barana barachuuf galmaa’ee gad bu’uu kaasanii; gama birootiin manneen barnootaa aantummaa siyaasaarraa bilisa taasisuuf xiyyeeffannoo mootummaan hoggansi barnootaa ga’umsa qofaan gara hoggansaatti akka dhufu taasisuu eeraniiru. Dhaabbata leenjii daarektarummaa hundeessuun leenjisaa jiraachuus himaniiru.

Barumsa gannaa digriifi dippiloomaan eebbifamuun dhaabbatee yeroof mariitti jiramus barsiisaan barumsa barsiisuun gahaa akka ta’uuf leenjiin ogummaa gabbifachuu cimee akka ittifufu dubbataniiru.

Oduudhuma walqabateen, duula “Barnootni Dhalootaaf” jedhuun ji’oota ja’an darbanitti sadarkaa biyyaattii hojiin misooma barnootaa qarshii biliyoona 21.9 ta’u hirmaannaa ummataatiin hojjetamuu  Ministeerri Barnootaa beeksise.

Ministeerichatti Ittigaafatamaan Deeskii Sagantaalee Barnootaafi Fooyya’insa Qulqullinaa Obbo Taayyee Girmaa ibsa Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf torbee darbe kennaniin akka eeranitti, kaayyoon duulichaa sadarkaa manneen barnootaa fooyyessuun qulqullina barnootaa mirkaneessuudha.

Akka isaan jedhanitti,  manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaafi lammaffaa biyyattiin qabdu keessaa %86 bu’uraalee misoomaa, galteewwan baruu barsiisuuf barbaachisan, kutaa barnootaa baay’ina barataa faana walsimu dhabuun, manneen barnootaa qulqullina qabu dhabuufi sababoota birootiin sadarkaadhaa gadi. Kunis kufaatii barattootaaf sababa tokko ta’eera.

Rakkinicha hirmaannaa ummataatiin furuuf bakka ministira muummee dabalatee hoggantoonni mootummaa olaanaan argamanitti duulichi ji’a ja’a dura ifoomuu yaadachiisaniiru.

Milkaa’ina  duulichaatiif  lammiileen deeggarsa qarshii biliyoona 21.9tti tilmaamamu taasisuus himanii; kunis deeggarsa maallaqaa kallattiidhaan qarshii biliyoona 8.3, humniifi beekumsi yommuu maallaqatti jijjiiramu qarshii biliyoona 5.5fi akaakuudhaan ammoo galteewwan baruu barsiisuuf barbaachisan tilmaamnisaanii qarshii biliyoona saddeet ta’u dhiyeessuun ta’uu ibsaniiru.

Akka ibsasaaniitti qabeenya kanaan manneen barnootaa 749 haaraan ijaaramaniiru, manneen barnootaa kuma shaniifi 578 haareffamaniiru, manneen barnootaa  kuma 42fi 600f galteewwaan akka gabateefi teessoo barattootaafaa guutamaniiru. Manneen barnootaa kuma tokko ta’aniif ammoo manni fincaanii ijaarameera.

Waaqshuum Fiqaaduufi Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 2 Bara 2016

 

 

Recommended For You

3 Comments to “Abbootii qabeenyaa maxxansa kitaabilee barnootaarratti bobbaasuuf sochiin eegalame”

  1. Pingback: hostel bangkok
  2. Pingback: m1a scout

Comments are closed.