Faayidaan dinagdeefi hawaasummaa pirojektota guguddoo olaanaadha

Finfinnee: Pirojektonni guguddoon biyyattiitti ijaaramaniifi ijaaramaa jiran faayidaan dinagdeefi hawaasummaasaanii olaanaa ta’uu Hayyuun Dinagdee Yunivarsitii Walaayittaa Sooddoo Obbo Solomoon Kabbadaa ibsan.

Obbo Solomoon, Roobii darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka ibsanitti, pirojektonni guguddoon biyyattii omishaafi omishitummaa guddisuu, hoji dhabdummaa hir’isuufi ce’umsa qonnarraa gara industiriitti taasifame saffisiisuu keessatti shoorrisaanii olaanaadha.

Akka ibsasaaniitti, pirojektonni guguddoon ijaarsisaanii xumurame namoota kumaatamaan lakkaa’amaniif carraa hojii bananiiru. Kanneen ijaarsarra jiranis namoota hedduuf carraa hojii banuun hoji dhabdummaa haalaan xiqqeessaa jiru. Carraa hojii qofa osoo hintaane walitti dhufeenyi hawaasaa uumanis daran olaanaadha.

Pirojektonni kunneen meeshaalee alaa galan biyyuma keessatti omishuun baasii sharafa alaa hanbisuu qofa osoo hintaane qisaasama yeroo daran xiqqeessuu akka danda’an himanii; kan duraan meeshaalee alaa galchuuf hanga baatiiwwan ja’aa gaafataa ture ammaan tana meeshaalee sadarkaasaanii eeggatan biyya keessaa argachuu kan dandeessisan ta’uus ibsaniiru.

Pirojektota kunneen keessaa tokko kan ta’e hidha Laga Abbayyaa humna elektiriikaa maddisiisuun fedhii humna industiriiwwan biyyattii guutuu bira darbee sharafa alaa argamsiisuurratti gahee guddaa qabaachuu dubbatanii; industiriiwwan biyyattii humna gahaa argataniin omishtummaan dabalaniifi sharafni gurgurtaa humna elektiriikaarraa argamu guddina dinagdee biyyattii daran kan saffisiisu ta’uu tarreessaniiru.

Keessumaa hanqina omishaafi omishtummaa biyya keessaa gama qonnaatiin jiruun dhiyeessii teknolojii qonnaa (xaa’oo makaanaayizeeshinii) si’eessuun omisha yeroo dheeraa fudhatu yeroo gabaabaa keessatti baay’inaafi qulqullinaan omishuuf gumaatni pirojektota guguddoo olaanaa ta’uus ibsaniiru.

Qonna jallisiirratti mala qonna makaanaayizeshinii deeggaramu fayyadamuun waggaatti si’a lamaafi sadii omishuun fedhii midhaan nyaataa biyyattii akka guutu ni taasisa. Kan fedhii biyya keessaarraa hafe ammoo gabaa alaatiif erguun hanqina sharafa alaa jiru furuuf kan oolan ta’a jedhan.

Fuulduratti pirojektota kunneenitti fayyadamuun xaa’oo biyya keessatti omishuun dafee qonnaan bulaa akka qaqqabu taasisuurra darbee baasii xaa’oo alaa galchutti ba’u hambisuun qonnaan bulaan gatii madaalawaan akka bitatuuif carraa uuma jechuun ibsan.

Omishaalee pirojektota guguddoo biyyoota ollaatti gurguruun hariiroo dinagdee uumuurra darbee walittidhufeenya dippilomaasii Itoophiyaa akka cimsus himanii; guddinni dinagdee uumamu sadarkaa idiladdunyaattis maqaa gaarii biyyattii akka olkaasu ibsaniiru.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Amajjii 18 Bara 2016

Recommended For You

5 Comments to “ Faayidaan dinagdeefi hawaasummaa pirojektota guguddoo olaanaadha”

  1. Pingback: auto swiper
  2. Pingback: toto slot
  3. Pingback: death row vapes

Comments are closed.