Hojiin Oromiyaa galaana dammaa taasisuuf eegalame bu’aaqabeessa

Dhaadannoo “Oromiyaa Galaana Dammaa ni taasisna” jedhuun hojiin inisheetivii misooma dammaatiin jalqabne bu’aa jajjabeessaa argamsisuu jalqabeera.

Bu’aan Omisha Dammaarratti arganne kana caalaa yoo asirratti hojjenne dinagdee keenya jajjabeessuun carraa hojii lammiilee hedduuf uumuu akka dandeenyu kan nu hubachiisedha.

Omishni Dammaa naannoo keenyatti gaggeeffamaa jiru fedhii biyya keenyaa guutuun alergii keenya cimsuu kan danda’uudha. Bara kana inisheetiivii misooma dammaa milkeessuuf gaagura ammayyaa kuma 345 qonnaan horsiisee bultootaafi dargaggoota gurmaa’aniif dhiheessuun dammi tooniin kuma 86 omishameera.

Akka Oromiyaatti bara 2016tti haala mijataa naannoon keenya omisha dammaatiif qabdu qabatamaan hojiirra oolchuuf, dhiyeessii gaagura ammayyaa gara miliyoona tokkotti uddisuun, Damma toonii 113,921fi Gagaa toonii 7,081 omishuun, misooma dammaarraa omishtootaafi naannoo keenya dinagdeen fayyadamoo taasisuuf karoorfamee hojiitti galameera.

Waggoota ittaanaan muraasa keessatti Damma qulqullina olaanaa qabu baay’inaan biyya alaatti erguun Sharafa Alaa irraa argachuu qabnu guutummaatti argachuuf hojjechaa jirra.

Oromiyaan Wabii Dinagdee Itoophiyaa taatee ittifufti jedhan Pirezidaantiin BMNO Obbo Shimallis Abdiisaa.

BARIISAA SANBATAA Qaam’ee 4 Bara 2015

Recommended For You