Goobeefi Shinooyyee galmee Yuneeskoorratti galmeessisuuf hojjetamaa jira

-Kaarnivaalli Goobeefi Shinooyyee adeemsifamaa jira

 Finfinnee: Goobeefi Shinooyyee galmee Yuneeskoorratti galmeessiisuuf hojjetamaajiraachuun Biiroon Aadaafi Turizimii Oromiyaa beeksise. Hogganaa Ittaanaan biirichaa Obbo Birhaanuu Buuxee ibsa addatti kaleessa Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka jedhanitti, aadaan Goobeefi Shinooyyee aadaa dardarraniifi shamarran Oromoo yeroo bacaqii gannaarraa gara booqaa birratti darbamu gammachuusaanii sirba aadaatiin ittiin mul’isaniidha.

Haa ta’u malee, aadaa bareedaan kun dhiibbaa sirnoota darbaniitiin dagatamee turuu eeranii, amma aadaa kana deebisanii dagaagsuufi beekamtii akka argatu gochuuf hojiitti galameera jedhan. Haala sadarkaasaa eeggateen aadaa kana beeksisuun barbaachisaa waan ta’eef biirichi kaarnivaala Qaam’ee 1, bara 2015 hanga Fulbaana 10, bara 2016tti turu marsaa 5ffaaf qopheessee adeemsifamaa jiraachuus himaniiru.

Dargaggeessiifi Shamarran Oromoo aadaasaanii beekanii kabajuu qabu kan jedhan Obbo Birhaanuun, kaarnivaalichi dahaloonni jalaa dhufaan aadaasaa akka hubatu gochuuf aadaasaaniirratti hubannoofi dammaqina akka qabaataniif shoora guddaa taphachuu akka danda’u ibsaniiru. Goobeefi Shinooyyee galmee Yuneeskoorratti galmeessisuuf hojjetamaa jira -Kaarnivaalli Goobeefi Shinooyyee adeemsifamaa jira Kaarnivaalichi Finfinnee, kutaalee magaalashee hundatti haala ho’aa ta’een akka kabajamuuf qooda fudhattoota hunda waliin mari’atamee hojiitti galamuus eeraniiru.

 Finfinneefi naannawaasheerras dargaggeessiifi shamarran hedduun waan jiraniif barana aadaa kana bifa bareedaa ta’een ni kabaju jedhamee eegama. Haaluma walfakkaatuun Magaalaa Shaggarittis kaarnivaalichi kun yeruma walfakkaatutti kan kabajamu ta’uus ibsaniiru. Hojiileen amma hojjetamaa jiran kunneen aadicha yuneeskoorratti galmeessisiisuuf haal duree barbaachisoodha kan jedhan Obbo Birhaanuun aadaa kanarratti hojiileen qorannoofi qo’annoo aadaa kana Yuneeskoorratti galmeessisuuf galtee ta’uu danda’an hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Kaarnivaalichi Finfinnee, Giddugala Aadaa Oromootti Qaam’ee 1 bara 2015 kan eegalame yoommuu ta’u, sirna jalqabsiisaarratti Hojigeggeessaa Dhaabbata Piromooshinii Aartii Boraatii Dargaggoo Biruk Girma haasaa taasiseen Goobeefi Shinooyyee sirba Qeeroofi Qarreen Oromoo jala bultii bara haaraatti walitti dhufee dhiichisuun jaalalaafi gammachuu qabu walitti ibsatu waan ta’eef ayyaana hiika guddaa qabu ta’uu eereera.

 Dhaabbatichi Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa waliin ta’uun kaarnivaalichaa geggeessuu kan eegale waggaa shan dura ta’uus eeree, sirnichi hojii kalaqaa aartii Oromoo guddisuu keessattis ga’eesaa bahachaa jira jedheera. Akka ibsasaatti kaayyoon kabaja ayyaanichaa dargageesseefi shamarran handhuura Finfinneetti walarganii aadaafi duudhaa Oromoo beeksisuufi guddisuu akka danda’an taasisuu, duudhaan ummtichaa inni ganamaa deebi’ee akka dagaaguuf ni gumaacha.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Qaam’ee4 Bara 2015

Recommended For You