“Dhalootni Duudhaa ganamaatti deebi’uu qaba” -Abbaa Gadaa Warqinaa Tarreessaa

Taammiruu Raggaasaatiin Finfinnee: Itoophiyaa keessatti waliin jireenyi sabaafi sablammootaa akka dhugoomuuf dhalootni amma jiru duudhaa ganamaatti deebi’uu akka qabu Abbaan Gadaa Maccaa Warqinaa Tarreessaa gaafatan.

Akka isaan jedhanitti, Itoophiyaan biyya sabdaneessummaan keessatti mul’atu, ummatni biyyattii ummata sabummaa, amantiifi aadaadhaan garaagarummaa kan qabu ta’us, biyya waliinii qaba. Garaagarummaa jiran kanneen qixa sirriin itti fayyadamuun yoo danda’ame faayidaa malee miidhaa hinqabu.

 Wajjummaan kan jiraatus yoo inni tokko eenyummaa isa tokkoo kabajuu danda’eedha. Wajjummaafi nageenyi akka jiraatuuf immoo dhiifama walii gochuun barbaachisaa ta’uu eeranii, “Qorichi lolaa araara, qorichi jibbaa jaalala, qorichi bittinnaa’uu tokkummaadha.

“Araarri, jaalalliifi tokkummaan immoo kan jiraatu gaafa dhalootni duudhaa ganamaatti deebi’eedha. Duudhaa ganamaa keessa dinagdee, hawaasummaa, waliin jireenya, jaalalaafi waliif yaaduu, wajjummaatu jira. Duudhaa ganamaa keessa walitti yaaduu osoo hintaane waliif yaaduutu jira.

Biyyattii keessatti duudhaan ganamaa kun waan dhiqameef jibbiifi walitti bu’iinsi “Dhalootni Duudhaa ganamaatti deebi’uu qaba” -Abbaa Gadaa Warqinaa Tarreessaa biyyattii keessatti baay’achuu danda’eera” jedhu. Duudhaan ganamaa nageenya keenyaaf utubaa ta’uu kaasanii, duudhaa ganamaatti deebi’uun lammiin biyya kanaa hundi nageenyasaa tiksuu akka qabu dhaamu.

Qaam’een 6 bara 2015 guyyaa wajjummaa ta’ee akka kabajamuuf labsamuun waan jajjabeeffamu ta’uu kan himan Abbaa Gadaa Warqinaan, labsuu qofa osoo hintaane qaamni hundi biyyattii keessatti wajjummaan akka dagaaguuf hojjechuu akka qabu hubachiisu. Itoophiyaaf barri 2016 bara jaalalli biyyaa itti dagaagu, bara nageenyi biyyattii itti mirkanaa’u, bara tokkummaan itti deebi’u, bara rakkinni biyyattii mariifi marabbaan itti furamu akka ta’uufis hawwiisaanii ibsaniiru.

BARIISAA SANBATAA Qaam’ee4 Bara 2015

Recommended For You

One Comment to ““Dhalootni Duudhaa ganamaatti deebi’uu qaba” -Abbaa Gadaa Warqinaa Tarreessaa”

  1. Pingback: resource

Comments are closed.