Bara 2016tti ilaacha ofittummaa keessaa baanee akka biyyaatti yaaduufi hojjechuutu barbaachisa

Finfinnee: Milkaa’inoota bara 2015 keessa galmaa’an, rakkoolee mudataniifi abdii bara haaraa 2016 ilaachisuun maanguddoota godinaalee gara garaarraa dubbisuun yaada isaan nuu kennaniifi ergaa hawwii gaarii isaan akka ittaanutti dhiyeessineera.

Godina Gujii Lixaatti, jiraataan Bulchiinsa Magaalaa Bulee Horaa Obbo Guyyee Qaanqee milkaa’inootaafi haalatti barri 2015 darbeefi abdii bara haaraa 2016 ilaachisuun yaada dheengadda Gaazexaa Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti, bara darbaa jirutti milkaa’inoonni guguddoon galmaa’aniiru; rakkoolee guguddoonis nu Bara 2016tti ilaacha ofittummaa keessaa baanee akka biyyaatti yaaduufi hojjechuutu barbaachisa mudataniiru.

 Mootummaan qormaatawwan mudatan gara carraatti jijjiiruudhaan hojiilee milkaa’oo hedduu raawwateera. Rakkoo nageenyaa kutaalee biyyattii gara garaatti mudatan furuufis tattaafii cimaa taasifamaa tureen nageenyiifi tasgabbii fooyya’aan akka uumameera. Hojiileen dippilomaasii biyyoota alaa cimsuuf raawwatamanis bu’aalee abdachiisoo hedduun galmaa’aniiru kan jedhan Obbo Guyyeen, rakkoo nageenya keessoofi alaa mudatan gara carraatti jijjiiruun hojii bal’aan raawwatamaa tureera.

 Bara 2016tti hojii caalu raawwachuuf dargaggoonniifi ummanni biyyattii mootummaa cina dhaabbachuunnageenya biyyattii caalaatti mirkaneessuuf hojjechuu akka qaban yaadachiisu. Nageenya biyyaa mirkaneessuun hojiilee misoomaa si’eessuufi ittifufsiisuu keessatti gahee olaanaa kan qabu ta’uus eeranii, karoora xiiqii bara 2016tti baafannee milkeessuuf hundumtuu tumsa barbaachisu taasisuu qaba.

Nageenyaafi misooma waaraafi ittifufiinsa qabu milkeessuun kan danda’amu yoo ummanniifi mootummaan waliin hojjetan qofa. Kanaafuu dhimma nageenyaa, misoomaafi biyyaarratti hunduu tokkummaan hojjechuu akka qabu yaadachiisu. Ittigaafatamtuu Waajjira Aadaafi Turizimii Godina Baalee kan ta’an Aadde Roobdaa Jaarsoo Gaazexaa Bariisaatti akka himanitti, bara 2015 qormaatawwan uumamaafi namtolcheen nu mudatanis bara itti milkaa’inni guddaan itti galmaa’eedha.

 Godinaalee Oromiyaa gara garaa keessatti rakkoon gogiinsaa hamaan mudatus lammiileen keenya hongee mudateen akka hinmiidhamneef karaa Buusaa Gonofaa deeggarsaan akka gargaaraman ta’eera. Ummanni ongeetiif saaxilamee ture yeroo ammaa omishataa jira. Oromiyaas ta’e biyyattiin qaala’ina jireenyaafi rakkoo nageenyaatiin qoramaa turuu yaadachiisu. Bara 2016tti akka saba tokkootti, amantaa tokkoofi dhuunfaatti yaaduu keessaa baanee akka biyyaatti yaaduufi hojjechuun nageenya biyyaa mirkaneessuu, misoomaafi guddina biyyaa ariifachiisuufi biyyattii ijaaruurratti xiyyeeffannee hojjechuu qabna kan jedhan Aadde Roobdaan, bara haaraa kanatti ilaalcha finxaalessummaa keessaa baanee biyya tokkittii walitti qabnu waliin ijaaruu qabna.

Nageenya amansiisaafi waaraa ta’e fiduuf jaalala, tokkummaafi hariiroo obbolummaa keenya daran cimsachuu qabna. Biyyattiin rakkoo nageenyaa, hongeefi qaala’ina jireenyaa keessa taatee bu’aawwan gurguddoo galmeessisaa jirti. Keessumaa utuu rakkoon nageenyaa bakkeewwan gara garaatti mudatan furamanii biyyattiin hangam kana caalaa misoomuufi guddachuu akka dandeessu tilmaamuun nama hindhibu jedhu. Akka saba tokkootti yaaduun, akka amantii tokkootti yaaduun, akka naannoo tokkootti yaaduun rakkoo hammaataaf waan nusaaxiluuf ilaalcha akkasii keessaa baanee akka biyyaatti yaaduufi hojjechuu qabna kan jedhan Aadde Roobdaan, rakkoo nageenyaa numudates mariin furachuu qabna. Qaamoleen hidhatanii bosona jiranis gara nageenyaatti deebi’uu qabu. Kan nubaasu waliin mari’annee rakkoo keenya furuudha jedhu. Hojii malee taa’uun sirrii miti. Hojii malee ta’uuudhaan kan dhufu hiyyummaafi gadadoodha. Kanaafuu bara haaraa kanatti hundumtuu ifaajee halkaniifi guyyaa hojjechuun ofiifi biyyasaa ijaaruuf of qopheessuu qaba kan jedhan Aadde Roobdaan, keessumaa dargaggoonni humna misooma biyyaa waan ta’aniif bakka jiranitti hojii utuu hintuffatin hojjechuu akka qaban yaadachiisanii, galii argatanirraas hanga ta’e qosachuufi dinagdeen of cimsaa deemuu akka qaban yaadachiisaniiru. Barri ittaanu bara nagaa, jaalalaa, tokkummaa, milkiifi badhaadhinaa akkasumas bara itti rakkoolee numudatan keessaa baanee itti jijjiiramnu nuuf haata’u jechuun hawwiisaanii gaarii ibsaniiru.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Qaam’ee4 Bara 2015

Recommended For You