“Adaamaa giddugalawaa hundaa gochuuf hojjetaa jirra”– Obbo Hayiluu Jaldee

Adaamaa: Magaalaa Adaamaa giddugala waa hundaa gochuuf hojjetamaa jiraachuufi maniin ‘Smart Adama’ yeroo dhihootti kan mirkanaa’u ta’uu Bulchiinsi Magaalaa Adaamaa ibse.

Kantiibaan magaalittii Obbo Hayiluu Jaldee gaafdeebii tibbana Gaazexaa Bariisaa waliin taasisaniin, hojii magaalattiirratti hojjetamuun namni “Dubaay, Dubaay” jedhu yeroo dhihootti “Adaamaa, Adaamaa” akka jedhu gochuuf xiyeeffannoon hojjetaa jiraachuufi yoo xiqqaate Adaamaa ykn Dubaay jechuun filachuu akka danda’an taasisuuf hojjetamaa jiraachuu himu. “Jalqaba namni gara Dubaay kan deemu daldalaafi. Kanarraa ka’uun ittaansanii giddugala bashannanaa hojjechuu eegalan. Adaamaan ammoo carraawwan Dubaay hinqabne qabdi. Qilleensa mijataa, bakki argamashee Finfinneetti dhihoo, daandii baabuuraafi saffisaa asi biyya alaa deemu (Jibuutii qunnamsiisu) irratti argamti” jedhu.

Akkasumas magaalattiin, gaarreeniin marfamtee jiraachuunshee, hurki Bokkuu biyya kana keessa hinjireefi isaanis itti hinfayyadamne jiraachuufi isaafis maallaqa guddaadhaan daandii itti ijaaruurratti argamuu, lagni Awaash Adaamaa kutee darbu, Sodareen itti dhihoo jiraachuufi kanneen biroo carraa guddaa giddugala turizimii, konfiransiifi invastimantii uumuuf dandeessisu akka ta’an dubbatu.

Kanneen hunda milkeessuuf hunda dura magaalaa Adaamaa nagaa gochuu akka gaafatu kan himan kantiibaan kun, kunis kan ta’u ummanniifi mootummaan yoo waliin ta’an, ummanni aadaa hojiisaa jijjiirrachuu danda’e ta’uufi yoo hojjetame carraan hojii Adaamaa keessa jiru eessayyuu kan hinjirre ta’uu kaasu. Carraa kanatti fayyadamuu baannaan garuu hunda jala darbuun guddina hawwamu biraa akka nama hambisu eeru.

“Hojiiwwan misoomaa eegalle cimsinee akka hojjennuuf kanfalaan gibiraa amanamummaadhaan gibirasaa akka kanfalu, hoggansis amanumummaadhaan hojiisaa akka hojjetuun dhaama. Akka waliigalaatti yoo bakkuma jirutti cimnee hojjenne Adaamaa yeroo dhihootti filatamtuu waa hundaa gochuu ni dandeenya. Kun ammoo aarsaa kanfaluu waan gaafatuuf waan kanfaluu qabnu hunda kanfallee magaalaa keenya guddisuuf waliin haataanu ergaa jedhun qaba” jechuun ergaasaanii dabarsu Obbo Hayiluun.

Guutuu gaafdeebiisaanii fuula Keessummaa Bariisaarraa argattu

Saamraawiit Girmaatiin

Recommended For You

One Comment to “ “Adaamaa giddugalawaa hundaa gochuuf hojjetaa jirra”– Obbo Hayiluu Jaldee

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *